Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Matayo 13:44 - KITAABA WAAQA

44 Finni gubba aka hori oobru keesati d'ossani jira, ka nami argate, biyye irati deebise biraa deeme. Gammada ufi keesa waan qabu ch'ufa gurgure oobru suni bitata.

Gade chapit la Kopi




Matayo 13:44
29 Referans Kwoze  

Isati qalibifi herega Waaqa ka d'ossani, namaa mullisa.


Akasuma duuba nami waan ufi ch'ufa illakimne dandae nama kiyya intahu.


Fulla horiini keesani jiru, garaani keesanileeni jira.


Ammalle nami maneenifi oboleesafi oboleetifi, abbaafi haad'afi, ilmaaniifi oobru, maro tiyyaafi lakise, maro d'ibba toko deebisaniifi, jireenna hegerile argata.


Beekhaafi qaroomi qarsifi worqi ira namaa jira.


D'uga, qarooma, baracha, qalbi, wonti kunini ch'ufti waan argachu malani, d'abu himmalle.


Tanaafi anini si gorsa, Worqi qullo nara bitad'u, aka dureesa taatu. Booftale bitad'u, aka uyifatte qulla tante d'ossitu. Qorsa illale bitad'u, aka lafa gartu.


Petroni waan jed'e, Ilaali, nu ya waan ch'ufa lakimne si gula yaane, maani arganna?


Yesoni waan jed'eeni, Yo d'uguma qit'e tahu feete, waan qabdu ch'ufa gurguri, hiyyeeyi qoodi, duuba durooma gubba argatta, kooti na gula deemi.


AABBO Waaqi waan jed'u, Nami d'eebu qabu ch'ufti koota, bisaani kunooti! Isani worri beese inqamne koota, mid'aani bitad'a, nyaad'a! Koota, aananifi daad'i beese male fud'ad'a!


Wonti akanatiifi waan t'aafi keesati t'aafani ch'ufa aka nu barsiisaniifi t'aafani, aka nu abdi maro jabeennaafi obsa t'aafiini nuu kennitu argannu.


Yesoni mammaasa d'ibi worrati hime waan jed'e: Finni gubba nama sanyi dansa oobru ufi keesati oobre fakaata.


Isani gaargala worra hid'ani qoodattani, ammalle gaafa miha keesani ch'ufa saamani gammadaani obsitani, maro isani aka waan hagasi ira jira, ta haga jirtu teetu, qabdani beetaniifi.


Yesoni waan jed'eeni, Qit'aani jireenna ana. Nami gara kiyya d'ufu imbeelau, ammalle nami naa d'ugefatu diqole ind'eebotu.


Horini woi barachaa jed'ani daalleti baasani, ka inni ufiftu qalbi inqamne, mali baha?


Dubbini Kristo, ha guddatte, garaa keesani keesa ha teetu. Qalbi ch'ufaani wolbarsiisa, wolgorsa. Waaqaa faarsa, sirba isaa sirba, faaru isaa d'ahad'a, garaa keesaniini Waaqa galata deebisa.


Nami namaani woli ind'ageenne, ch'ufti ufo ufuma ch'alla jaalata. Inni waan qajeeltu biyyiti agartu ch'ufa imorma.


Qarooma dandaani nama keesati inargani? Nami waan qaroomi namaa bahu beekhu injira?


Dooqa toko ta gati guddo arginaani deeme waan qabu ch'ufa gurgure bitata.


Ammalle Finni gubba t'urura galaana keesa buusani, qurt'umi gosa ch'ufa wolti guuraniini fakaata.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite