22 Jennaani namicha toko ka jinniini ilaafi afaani duchite Yesotiini d'ufani, Yesoni isa fayyise, duudaani kaani dubbate ilaaleeni lafa arge.
Atini ila worraa bante, dukana ira gara ifsa worra deebifta, ammalle jabeenna Sheet'ana iraa Waaqati worra deebifta; aka d'ugefacha worri na d'ugefateeni daba worraa araaramaniifi, gumi Waaqi fohate keesati fulla argatani.
Yo jinniini isa argite ch'ufa, isa durati jidde iyite, Atini Ilma Waaqa jette.
Gaafasi duudaleeni dubbi kitaaba ta soomani d'agaye, ballaleeni ka duri lafti iti dukanooftu amma ila banate wo arga.
Tanaafi gurri isaa lafa Shamu ch'ufa gahe, nama d'ukuba qabuufi ka fayyad'abaani gaargale, ka jinni qabu, ka gagabdufa, ka naafatele isatiini d'ufani, inni worra ch'ufa fayyise.
Ee Aabbo, araba na qajeelchi, aka anini si faarsu.
Hamaani Kaani jabeenna Sheet'anatiini d'ufe mamisa gosa heddutiifi akheekha d'ara aka heddu tolche,