13 Jennaani inni waan namichaani jed'e, Harka kanke diriirfad'u. Namichi harka diriirfannaani harki fayye, akuma harka kaani tahe.
Harka isi ira kaye, isiini hojuma suni olejatte Waaqa faarsite.
Yesoni harka diriirfate, isa tuqe waan jed'eeni, Imfed'a, fayyi. Inni maro tokotu d'ukuba suni fayye.
ballaani lafa arga, naafi indeema, nami qomaat'a qabu inqulqulla, duudaani ind'agaya, reefale kaasani, Odu Dansa hiyyeeyiti odeesani.
Abbaani Publio fayya d'abe qannate d'iiga albahe. Pauloni fulla isaa olseene Waaqa kad'ate, harka isa ira kaye isa fayyise.