Farisayo keesa nami gari waan jed'e, Namichi kunini, ka waan kana tolche, gara Waaqaati ind'umne, maro inni seera Sabato inguunneefi. Ammo ka gari waan jed'e, Nami daba qabu akami dandae waan akana kana tolcha? Jennaani gargari bahani.
Daalleeni dubbi daalliti dubbate, ch'ubbu ch'alla herega. Inni waan tolchufi ka jed'ule ch'ufa keesa kara iraa gore maqa Waaqa balleesa, ammalle inni nama beela qabu beela imbaasu, ka d'eebu qabule bisaani inobaasu.
waan jed'eeni, isani nama kana natiini d'uftani, inni nama wolti yake jettani isa himattani. Anini isani durati gaafannaani jallu isani isa himattanini tokole ingarre.