Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Matayo 1:21 - KITAABA WAAQA

21 Isiini ilma deeti, duuba atini maqa isaa Yeso baasi, wonti akanatiifi inni gumi ufi ch'ufa daba keesa baasa.

Gade chapit la Kopi




Matayo 1:21
36 Referans Kwoze  

D'aloota nama kana keesa, Waaqi ya Qarqaarsa Israeli, ka duri kakhate, tolche, ka Yeso jed'ani.


Bahisi isa ch'alla keesa jira, nami d'ibiini ka Waaqi namaa kenne lafa keesa injiru, ka nu dandeenne baanuuni.


Boriyya Yohanani Yeso gara isa d'ufu jiru arginaani waan jed'e, ilaala, ilme hoola Waaqa, ta daba nama lafa ch'ufa fud'attu.


Isani imbeetani, Kristoni aka daba ch'ufa fud'atuufi d'ufe, ammo dabi isa keesa injiru.


Eegi torbaani toko, hojjaani gurba qabanqaba qabani geennaani maqa isaa Yeso baasani, akuma malaikaani himte, ato haati ingaraachainu.


Waaqi la harka mirgicha ufitiini isa guddise, aka inni Gudda keennafi Qarqaarsa keenna tahe, gosa Israeli daba iraa deebise araarama worraa kennu.


Atini garaachoofteti ilma d'alta, maqa isaa Yeso baafta.


Inni nafa ufi nuu kenne, aka hameenna ch'ufa keesaa nuu baase, gumi isaa qulqullo, ta waan dansa tolchu feetu nu tolchu.


Halkani kana dira Daudi keesa Qarqaarsi ya isanii d'alate, ka Kristo Aabbo jed'ani.


Ammo yo akuma inni ifse keesa jiru nuleeni ifise keesa jiraanne wold'aqisa qamna; ammalle d'iigi Yeso, Ilma Waaqa daba keenna ch'ufa nura d'iqe qulqulleesa.


Gammada, qilit'ama, worra Sioni! Gammada, lalaba, worra Yerusalemu! Laala, hayyuuni keesani isaniti d'ufuu jira! Inni ka waan ch'ufa dabsate irre guddo qabuti d'ufa, ammo inni ufi insaadu, harre yaabata — bukhura harreeni d'altuni d'alte gubba taa.


Tanaafi Waaqi isa fohate, Hojattu ufi qara isaniti erge, aka isani eebise kara keesani hama ira isani gorsu.


Anini waan jed'eeni, Anini imbeekhu, siti beekha. Inni waan naani jed'e, Kunini worra nagayaani gaargala jala bahe. Worri woya miich'ate d'iiga Hoolatiini adefate.


Ammalle inni indandaa, ammafi hegerile, aka worra isa gula Waaqati d'ufu baasu, waan inni haga hegeri Waaqa worraa kad'atuufi.


Ganni torbatama maro torba ganna Waaqi aka gosa tanteetifi dira kanke qulqullo ch'ubbufi hameenna suni keesaa baasu fohate. Ch'ubbu namaa araaramani, d'uga haga jiru jireenna jirtule namaa kennani aka daayyafi fagiisi guutame Mana Waaqa qulqullo maro lameeso jaraani eebisani.


Gaafa inni hayyu tahu, worri Yuda soda nyaapa jalaa bahe, worri Israelileeni nagayaani taa. Maqaani isaani yaamani AABBO Waaqi d'uga keenna.


Worra suni nami toko waan jed'eeni, Anini jia sagali tae deebia, gaafa anini gadeebiu, niitiini tante Saraani ilma qabdi. Saraani balbala waaro keesa isa duuba ejite ch'aqasu jirti.


Ammo malaikaani waan jetteeni, Insodaatini, Zekaria, kad'acha tante la d'agayani, niitiini tante Elisabeti ilma sii d'alti, atini maqa isaa Yohana baafta.


Worra Yudatifi ka Yerusalemu lubbu baasani nagayaani teesisani. Dira sunile maqa iti baasani, AABBO Waaqi D'uga teenna jed'ani.


Ammo Waaqi waan jed'eeni, Hiyo, intaatu. Niitiini tante Saraani ilma sii d'alti, atini maqa Isaaqo baasiifi. Anini isaafi ilmaani isaale wold'aqisa haga jiru jireenna woliini tolfad'a.


Ammo anini wold'aqisa kiyya ka ilma kanke Isaaqo woliini tolfad'u, ka Saraani mara woga tana sii d'altu, injabeesa.


Malaikaani AABBO Waaqa isiiti mullatte waan jetteeni, Atini qara maseena, taka ind'alle ammo d'iotu garaachoofte ilma d'alta.


Akanaani isiini garaachoofte ilma d'alte maqa isaa Samueli baafteefi waan jette, Anini isaa jed'e AABBO Waaqa kad'ad'e.


Ammo haga isiini ilma deetuti niiti intolfanne. Jennaani Yusufuni maqa isaa Yeso baase.


waan niiti taaniini jed'e, Maro dubbi tantetiifi ind'ugefanne, ammo maro nu gurra keennaani d'ageenneefi d'ugefanna, akasiini aka inni d'uguma Qarqaarsa lafa ch'ufa beena.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite