Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Malaki 3:1 - KITAABA WAAQA

1 AABBO Waaqi Guddaani waan jed'u, Anini ergattu tiyya erga, ta kara naa mid'aasitu. Duuba AABBO Waaqi ka isani barbaaddani tassa Mana isaa ka eebati d'ufa. Ergattuni isani guddo eeddani d'ufte, wold'aqisa kiyya odeesiti.

Gade chapit la Kopi




Malaki 3:1
38 Referans Kwoze  

Ammo anini ato guyyaani AABBO Waaqaa, ka rifannoota qabu, ingeenne, raaga Eliya isaniti erga.


Gurba, atileeni raaga Waaqa Gudda jed'ani si yaamani; Aabbo dura deemte kara mid'aasitaafi.


inni gaargala ch'ufa keesaa worra baase. Nami worra baase malaikaniti, AABBO Waaqa. Jaalalaafi naasu isaatini inni worra baase. Inni qara duri hojja ch'ufa worra qarqaare,


Jennaani Pauloni waan jed'e, Yohanani d'uguma batiso daba iraa deebianiini barsiise waan jed'e, Ka na gula d'ufu d'ugefachu maltani, nami suni Yeso.


Aka Waaqa aka d'ugaa beekhani qaaloleeti nama barsiisu male. Biyyiti aka fed'i tiyya barattu ha gara worra yaatu; wonti akanatiifi worri ergattu AABBO Waaqa Gudda.


Ilaala, anini malaika isanii erga, ta isani tissite isani geesite fulla anini isanii mid'aaseeni isani d'uftu.


Inni guyya ch'ufa mana Waaqa keesati barsiisuu jira. Qaalole gugurdofi jara Seera beekhufi jaaroleeni gugurdoleeni kara isaani ijeesani barbaadani.


AABBO Waaqi waan hayyicha abba kiyyatiini jed'e, Kooti arma moga tiyya ta mirga tahi, haga anini nyaapa kanke miila kanke jalati deebisuti.


Inni sunuma ka gaafa gumiini Israeli lafa alo keesa jiruti malaika woliini gumi suni keesa jiru. Inni ababoota teennale woliini jira gaafa malaikaani gaara Sinai gubbati isani dubbate, ammalle isumati dubbi Waaqa ta jireenna nu barsiise.


Daimi ya nuu d'alate! Ilma ya nuu kennani! Isati hayyu keenna taha. Maqaani isaani yaamani: Abba mala dansaa, Waaqa Guddaya, Abba jiru jireenna, Hayyu Nagaya.


Duuba amma AABBUMA Waaqati akheekha sii kenna: intalti dubra garaachoofte, ilma deete, maqa isaa Imanueli baaftiifi.


Eegi guyya sadi Mana Waaqa keesati argani, ato inni jiddu qaalole tae ufile ch'aqase worrale wo gaafatu.


Isiileeni hojuma suni d'ufte Waaqaa galata deebifte, waan gurba diqa kana nama baafama Yerusalemu eegatu ch'ufati odeesite.


Halkani kana dira Daudi keesa Qarqaarsi ya isanii d'alate, ka Kristo Aabbo jed'ani.


Yo sila isani d'ugefattani, Yohanani Eliya, ka d'ufiisa isaa himani.


Jennaani Hagai d'aamsa AABBO Waaqaa biyyati hime waan jed'e, AABBO Waaqi waan jed'u, Anini isani woliini jira.


Akanaani imbeetani, aka anini seera kana isanii kenne, ammalle aka wold'aqisi kiyyafi ka qaalole d'aloota Lawi imbanne.


Aka dansaa ch'aqasa, waan isiini jette ch'ufa guuta. Isi jala indidina, wonti akanatiifi anati isi erge, isiini nama isi didu tokole inaraaramtuufi.


Me ilaala, AABBO Waaqi guddaani irreeni d'ufu jira, aka lafa mohatu; inni gumi harka nyaapa keesaa baaseni d'ufuu jira.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite