28 Eegi dubbi tana, haga torbaani toko teennaani, Yesoni Petrofi Yohanafi Yakobo yaame aka Waaqa kad'atani gaara woliini Korani.
Gaafasuma Yesoni gaara toko kore aka Waaqa kad'atu, halkani toko ch'ufa Waaqa kad'acha bule.
Worri ato anini jaalad'e waaqa worraa kad'ad'ele nani morka.
Jennaani ato Yesoni kobati Waaqa kad'atu, jari isaa gara isaa d'ufe. Inni, Biyyiti eennu naani jetti? jed'e gaafate.
Mana geennaani inni nama ch'ufa seenu d'owe, Petrofi Yakobofi Yohanafi abbaafi haad'a intala male.
Inni eegi nagayati biyyaani jed'e d'aqe gaara kore Waaqa kad'ate.
Boriyya, afaani bari, Yesoni kae, fulla nami injirre d'aqe Waaqa kad'ate.
Gaafa lafa jiru, Yesoni qonqo guddofi imimaaniini aka male Waaqa kad'ate, ka dandae duisa keesaa isa baasu. Waan inni Waaqa sodaateefi Waaqi isa d'agaye.
Marooni sadeeso ta anini imaltu gara keesani d'ufu tana. Kajellaani ch'ufti d'uga lama sadi qabaachu malte, akuma t'aafiini jettu.
Duuba eegi nami ch'ufti batifame Yesoleeni batiso argate. Ato inni kad'atu, gubbaani banamte,
Yesoni gumi arginaani gaara kore gubba tae. Jennaani jari isaa gara isaa d'ufe,
Eegi biyya galche, koba ufi gaara kore aka Waaqa kad'atu. Lafti galgaloomnaanile kobuma ufi tae;
Ammo inni guyya gari fulla nami injirre d'aqe Waaqa kad'ate.
Yesoni gaara toko kore, jara ufi woliini achi tae.
Wonti akanatiifi nu odu duri ta woma keesa injirre gula, aka Aabbo Yeso Kristoni jabeennaani d'ufu, isaniti inhimne. Iluma teennaani guddinna isaa agarre!