AABBO Waaqi waan jed'u, Koota, dubbi tana ilaala. Ato dabi keesani diimatele adi aka aanani tolchani, Ato inni aka male diimatele adi aka ch'aama tolchani.
Wonti akanatiifi yo nu Kristo Yeso keesa jiraanne, qabanqaba qabachafi qabachu baannaanile haga tokotu; wonti jabduuni d'ugefacha ta jaalalaani hojattu.
Ch'ubbichi ha kara ufi lakisu, nami hameenna gula deemu ha herega ufi garagalfatu. Inni ha AABBO Waaqa keennati deebiu. Duuba inni naheefi hurrise araaramaafi.
Ammo yo akuma inni ifse keesa jiru nuleeni ifise keesa jiraanne wold'aqisa qamna; ammalle d'iigi Yeso, Ilma Waaqa daba keenna ch'ufa nura d'iqe qulqulleesa.
Jennaani namichi Farisayo ka isa gololche kaani garaa ufi keesati waan jed'e, Ato sila namichi kunini raaga tahe, aka niitiini isa tut'u tunini sharmut'atiifi nama daba imbeekha.