45 Nami dansaani dansooma garaa ufi keesa jiru keesaa waan dansa baasa; nami hamaleeni hameenna garaa ufi keesa jiru keesaa waan hamtu baasa. Wonti akanatiifi waan garaa jira arabi dubbata.
Waan ch'ufa ira, herega kanke tissi, wonti akanatiifi heregi kanke suni madda jireenna sii taha.
Hasaa keesati dubbi hamtu injed'ina. Dubbi dansa, ta nama qarqaarte jabeesitu ch'alla jed'a, aka worri d'agayu eeba argatu.
Nami na d'ugefatu, aka t'aafiini jettu, garaa isaa keesaa bisaani jireennati yaa.
Dubbini Kristo, ha guddatte, garaa keesani keesa ha teetu. Qalbi ch'ufaani wolbarsiisa, wolgorsa. Waaqaa faarsa, sirba isaa sirba, faaru isaa d'ahad'a, garaa keesaniini Waaqa galata deebisa.
Ch'ubbuuni araba worra ira teteeti; dubbini worra ch'ufti ta ch'ubbuti; worra ha kiyyiba worra keesati qabaniti! Waan worri nama abaare d'ara dubbatufi,
Yo hasooftani dubbi dansa miooftu hasaa. Ammalle nama woi isani gaafate qajeelcha deebisaafi.
Dubbini herega male dubbatani akuma woraana nama woraanti, dubbini heregaani dubbatani nama fayyifti.
Aabbo waan jed'u, wold'aqisi taka tana gosa Israeli woliini tolchu kana: Anini Seera kiyya qalbi worra keesa kaye, garaa worra keesati t'aafa. Anini Waaqa worra taha, worrileeni gumi tiyya taha.
Dubbi faarutiifi ta sirba Waaqaatiini wolhasaa; faaru Aabbo garaa keesani keesati gammadaani d'ahad'a.
Dubbini qajeeltuni ta fulluma isiini malteefiti dubbatani akami dansa!
Nami kiyyibaani ya t'urura kara keesa na kaye; t'urura ufiitini na qabu fed'e.
Arabaafi dubbi hamtu worri dubbatu ch'aqasi arabi worra aka goraade jira; worri waan jed'u, Eenuti nu d'agaya.
Petroni waan jed'eeni, Anania, Sheet'ani maafi garaa kanke keesa seene, atini Lubbu Qulqulloti kiyyibde, hori argatte gama toko hambifatte?
aka nama ch'ufa qoru, aka nama Waaqa imbeenne ch'ufa wollaala iti muru, maro huji hamtu worri tolcheefi, ammalle maro dubbi hamtu worri Waaqaani jed'eefi!
Anini gumi Waaqa ch'ufa maand'a qit'issu, ammo Waaqi huji gosa d'ibiti Odu Dansa odeesani nati kenne, aka durooma Kristo ka ind'umanne barsiisu,