38 Ammo farsooni hareetiini gorjo hareeti malte.
Yo nami Kristoni taka tahe inni uumama haraa: wonti dullatiini ya dabarte, hareetiini ya d'ufte.
Anini garaa haareesafi qalbi hareeti isanii kenna. Anini garaa keesani jajaba aka d'akha suni jijire, garaa laana ka Waaqaa saalfatu isanii kenna.
Jennaani nami barch'uma guddinna gubba tau waan jed'e, Amma anini waan ch'ufa haraa tolcha. Ammalle inni waan jed'e, Waan kana t'aafi, wonti kunini waan d'ugaati, nami dandae ind'ugefata.
Fayyafi irreeni nafaa wo namaa darti, ammo fayyafi irreeni lubbu kara ch'ufaani wo namaa darti, maro jireenna ka ammatiifi ka hegerile namaa kennituufi.
ammo jari gari oboleyaani ufi tolche, qabanqaba qabuufi fed'e worri suni aka jajuusa gumi teenna seene, aka balchooma nu Kristo Yeso keesa qamnu argani, Tisse nu tolchu fed'ani.
Daad'i hareeti gorjo dullatiti inaqani. Yo akasi tolchani, gorjooni intarsaati, daad'iini jidde gorjooni baddi. Daad'i hareeti gorjo hareetiti naqani, duuba lachu guyya heddu teeti.
Nami farso haraa gorjo dullatiti naqu injiru; yo akasi tolchani farsooni harai gorjo dullati tarsaafte jiddi, gorjoleeni imbaddi.
Ammalle nami farso turte d'uge ka farso haraa hojuma suni fed'u injiru; inni, Ta turte suniti ira dansa jed'a.