Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Luqaas 5:24 - KITAABA WAAQA

24 Ammo anini aka Ilmi Nama lafa tana keesati humna dabaani nama araaramuuni qabu isani garsiisa. Duuba inni namicha kokotae kaaniini waan jed'e, Waan anini siini jed'u, kai, wosaasa tante fud'ad'u, mana keetiti gali.

Gade chapit la Kopi




Luqaas 5:24
26 Referans Kwoze  

Jiddu ifse suni keesa waan aka nama jira tokoti eja, ubaari isaa miila gaha, qoma isaa gubbati woya worqiti mara qaba.


Eegi guddo gaargale inni deebie gammada argate, aka gaargali isaa sunini wo namaa bahu beekha. Hojattuuni tiyya dansaani, ta guddo na gammachiiftu, ch'ubbu nama heddu fud'ata, aninileeni maro isaatiifi worraa araarama.


qonqo olfud'ate waan jed'eeni, Miilaani olejad'u! Namichi kaani olch'ee miilaani deeme.


Ammo Petroni worra ch'ufa mana keesaa yaase, jilbifate Waaqa kad'ate, gara reefa ilaale waan jed'e, Tabitha, kai! Isiini ila banatte, Petro arginaani kaate teete.


Petroni waan isaani jed'e, Ainea, Yeso Kristoni si fayyisa, kai sire tante mid'aafad'u. Inni maro tokotu kae.


Waaqi la harka mirgicha ufitiini isa guddise, aka inni Gudda keennafi Qarqaarsa keenna tahe, gosa Israeli daba iraa deebise araarama worraa kennu.


Atini humna nama ch'ufa ira ya isaa kennite, aka inni nama ch'ufa ka atini isaa kennite jireenna hegeri kennuufi.


Waan kana jennaani inni qonqo olfud'ate lalabe, Lazaro, kooti, gabahi jed'e.


Inni yayu jabeenna qorsuma kenneefi, waan inni Ilma Nama taheefi.


Nami tokoleeni ka takuma gubba d'aqe injiru, Ilma Nama tokocha, ka gubba gadi bue male.


Inni harka isii qabe qonqo olfud'ate waan jed'e, Intala, kai.


Iti d'iaate sire reefaani baatani tuqe, jennaani jari baatu kaani ejaanje. Yesoni waan jed'eeni gurba waan anini siini jed'u kai.


Yesoni harka d'eerefate isa tuqe waan jed'eeni, Imfed'a, qulqullai. Maro tokotu qomaat'aani iraa badde.


Yesoni worrati d'iaate waan jed'eeni: Jabeenna ch'ufa, ka lafafi gubbale, ya nati kennani.


Yesoni waan isaani jed'e, Atu ya jette. Ammo waan anini isaniti himu, Eegi arra, Ilma Nama ka harka mirgicha Waaqa Gudda tae, dumansa gubbatiini gadi deebiu argitani.


Guyya Ilmi Nama guddinna ufitiini d'ufu malaika ch'ufa woliini, inni barch'uma guddinna ufi gubba tae,


Duuba Yesoni lafa Kaisaria Filipi d'umnaani, jara isaa gaafate waan jed'eeni, Biyyiti, Ilmi Namatiini eennu jetti?


Ammo aka Ilmi Nama lafa keesati jabeenna daba nama araaramuuni qabu hubad'a. Jennaani inni waan namicha naafa kaaniini jed'e, Kai, sire tante fud'ad'u, worrati gali.


Daayya suni keesa anini waan nama fakaata arge. Inni, ka dumansa keesa deemu, nati gadi d'ufe, namicha haga jiru jireenna jiru kaaniti qajeele, jennaani isa duraani d'ufani.


Tanaafi gurri isaa lafa Shamu ch'ufa gahe, nama d'ukuba qabuufi ka fayyad'abaani gaargale, ka jinni qabu, ka gagabdufa, ka naafatele isatiini d'ufani, inni worra ch'ufa fayyise.


Jari, toko nama kokotae toko wosaasani baate d'ufeeni olseensisu fed'e, aka Yeso dura kayani.


Tami jechuti ira laaftu, Ch'ubbu tante la si araaramani mo, Kai deemi jecha?


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite