20 Yesoni kitaaba ch'umnaani nama eeguti kenne tae. Nami ch'ufti ka Mana Waaqa kaani keesa jiru ila isati qabe isa ilaale.
Kitaaba raaga Isaya iti kennani, saannaani fulla dubbi tana iti t'aafani arge:
Lafti bariinaani inni Mana Waaqati deebie. Nami ch'ufti gara isaa d'ufe, duuba inni tae worra barsiise.
Ammo waan isa tolchani d'abani, maro nami ch'ufti dubbi isaa gurra tokooni ch'aqaseefi.
Jennaani hobolo toko ta Simoni seene, Diqo lafa ira bisaani keesa hiisi jed'eeni. Inni hobolo keesa tae biyya barsiise.
Hojuma suni Yesoni gumiti dubbate waan jed'e, Maafi sheeftifi bokuuni d'uftani na qabdani, aka waan anini shifta tahe. Guyya ch'ufa anini Mana Waaqa keesa tae nama barsiise, ammo gaafasi na inqamne.
Guyya Sabato dira keesa yaane, moga galaana toko, fulla nami Waaqa iti kad'atu d'ageenne d'anne gadi teteenne, nad'eeni fulla suni jirtuti hasoomne.
Petroni waan kana arginaani waan biyyaani jed'e, Worra Israeli, maafi waan kana mamtani sonaani nu ilaaltani, aka waan nu jabeenna keennaani yokhaani qulqullooma keennaani nama kana fayyimne?
awaala inni d'io qote keesa kaye. Jennaani d'akha gudda toko afaani awaalati gangalche biraa gale.
Inni dubbi fuud'e waan jed'e, Dubbini tuni ya arra ila teesani durati guutamte.