Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Luqaas 3:11 - KITAABA WAAQA

11 Inni waan jed'eeni, Abbaani kooti lama qabu nama tokole inqamne ha kennu, ammalle ka sagale qabuleeni akasuma ha tolchu.

Gade chapit la Kopi




Luqaas 3:11
22 Referans Kwoze  

Yo nami hori lafa tana qabaate ammalle oboleesa isaa ka gaargala qabu arge ammo garaa iti jabaate, inni akamiini, Waaqa jaalad'a ufiini jed'a?


Waan dansa tolcha jed'iini, Huji dansaani durooma jed'iini, Arja taha, waan qabdani namaa qooda jed'iini.


Yesoni akasi d'ageennaani waan isaani jed'e, Waan toko fitate; waan atini qabdu ch'ufa gurguri, hiyyeeyi qoodi, duuba hori gubba argatta, duuba deebii, na gula kooti.


Yo nami, Anini Waaqa jaalad'a ufiini jed'e, ammo oboleesa ufi jibbe, inni kiyyiba. Inni dandae Waaqa ka ilaani ingarre injaalatu, eegi oboleesa ufi ka ilaani argu injaalanne.


Aadaani Aabbo Waaqi d'ugaafi qajeeltu jed'u tana: aka ijoolle abbaafi haad'a inqamneefi nad'eeni d'iirsi iraa due qorqoratani, ufile hameenna lafa iraa ufi d'owani.


Ammo waan mudunufi qori keesa jira hiyyeeyii qooda, duuba wonti ch'ufti qulqullo isanii taati.


Hayyuuni waan jed'u, Waan anini isaniti himu, waan oboleyaani tiyya didiqo tanaa tolchitani yayu nale tolchitani.


Tanaafi amma, ee hayyicha gorsa kiyya ch'aqasi, fud'ad'i. Ch'ubbu lakisi, waan dansaa tolchi, hiyyeesale nahi, duuba atini horteeti bulta.


Waaqi ka d'ugaati. Inni huji isani maro isa jaalattaniifi tolchitani inded'u, hojja isani gumi Waaqa duri qarqaartani arrale qarqaartani.


Waan naani jed'e, Kornelio, kad'acha tante ya d'agayani, ammalle aki atini biyya wo kennitu la fuula Waaqa dura gahe, akasiini amma ya si qaabatani.


Inni isi arginaani rifate waan jed'eeni, Maal, Aabbo? Isiini waan jetteeni, Kad'acha teetiifi waan atini maro Waaqatiifi namaa kennitu ya fuula Waaqa durati si qaabatani.


Inni nama dansaa ka Waaqa sodaatu, isaafi worri isaaleeni. Inni guddo maro Waaqatiifi wo namaa kenne, guyya ch'ufale Waaqa kad'ata.


Nami gari waan Yudani subba hori harkaa qabatuufi waan Yesoni, Waan nu jilaa feenu nu biti, yokhaani, Hiyyeeyii hori kenni jed'eeni sehe.


Zakayooni olejate waan Aabbooni jed'e, Ilaali, Aabbo, anini hori kiyya gama toko hiyyeeyii qooda; yo anini nama tokole hori dabaani ira fud'ad'e, maro afuri deebisaafi.


Inni nama indabsu, yokhaani nama insaamu. Inni qabdo nami hori isa iraa fud'ate iti kenne deebise, beelaa beela baase, ka daara qabu daara baasa.


Nami duri wo hatu ha hanna lakise hojatuuti, aka harka ufitiini ufi bulche hiyyeeyile qarqaaru.


Dureeyi lafa tanatiini ufi inguddisiina, abdi teesani durooma lafa tanaa, ka nami waan isi aka imbeenne ira inkeyatina, ammo Waaqa ka arjoomaani waan ch'ufa namaa kennu gubba keyad'a jed'iini.


Oboleyaani tiyya, Maani namaa baati, yo nami, Anini d'ugefacha qaba jed'e, ammo hujiini isaa ingarsiimne? D'ugefachaani suni ch'allaani isa imbaafti?


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite