Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Luqaas 2:14 - KITAABA WAAQA

14 Guddinni gara Waaqa gubba ha tahu: Lafa keesale nageenni ha tahu gara jara inni eebisu.

Gade chapit la Kopi




Luqaas 2:14
36 Referans Kwoze  

Tanaafi waan maro d'ugefachatifi d'uga nu hereganiifi nu amma Waaqaani wolti nagaya qamna, maro Aabbo keenna Yeso Kristotiifi.


Waan jed'ani, Ee Waaqa hayyu maqa Waaqatiini d'ufu eebisi! Nagayafi guddinni Waaqa gubbaa ha tahu!


Ilma isaatiini, Waaqi uumamaa ch'ufa gara ufi deebise. D'iiga Ilma isaa ka maskali gubbati jigeeni nagaya tolche, akanaani waan lafafi gubba jira ch'ufa gara ufi deebise.


Aka nami dukana keesa tataufi ka gaadisa duisa keesa tatuleti ifsu, aka faana teenna kara nagayaati qajeelchu.


Jennaani anini waan gubba jiratiifi, ka lafa jiratiifi ka lafa jala jiratiifi, ka bisaani keesa jirale waan lafa tana keesa jira ch'ufa, ka sirba d'agaye; gara nama barch'uma guddinna gubba taufi gara Ilme Hoola. Faarufi guddinnaafi ulfinnafi jabeenni ha tahu. Haga hegeri! jed'ani.


Anini nama fagootifi ka d'iole nagaya isanii kenna jed'e worra fayyisa.


Dubbi suni ta Waaqi gara ijoolle Israeli erge, aka nagaya Yeso Kristo keesa hasaani, inni Abba nama ch'ufaati, isani imbeetani.


Huji atini naa kennite suni hobaamnaani anini ya lafa keesati si guddise.


Aabbo Yeso Kristofi Waaqi Abba keenna, ka nu jaalate eeba ufitiifi jannooma hegerifi abdi dansa nuu kenne,


nami ch'ufti diideese, Yeso Kristoni Aabbo jed'u, aka maqa Waaqa Abba guddisani.


Lubbuuni Qulqullooni ta bifa sabaliisa qabdu isa ira buute, qonqooni gubba d'ufte waan jette, Atini Ilma kiyya, ka anini jaalad'u, guddo na gammachiifta.


Gumiini Yeso dura yaatufi ta duuba yaatu iyite waan jette, Ilmi Daudi ha guddifamu. Ka maqa Aabbootiini d'ufu ha eebifamu! Waaqa ha faarsani jed'ani!


Ee gubba, sirbi, ee lafa gammadi, lalabi! Gaareenileeni ha farqatte sirbitu! AABBO Waaqi gumi ufi jabeese, nama isaa ka gaargala qabu naha.


Waaqi waan qara herege tolche, waan d'ossa, ka inni Kristoni, guutu duratu nu beesise.


Koota, Waaqa galata deebimna, maro eeba isaatiifi, waan inni Ilma isaa ka inni jaalatu keesa nu eebiseefi.


Ee gubba gammadaani sirbi! Ee lafa, lalabi! Ee gaareeni, gammadaani sirba, mukeeni baddaleni ch'ufti ha sirbitu! Wonti akanatiifi AABBO Waaqi Yakobo baase, Israeli keesa guddinna ufi garsiise.


Wonti akanatiifi Waaqi hojja ch'ufa isani keesa hojachu jira, aka, aka fed'i isaa guuttani, isani feesise dandeesisu.


Wonti inni waan kana tolcheefi, aka hojja ch'ufa durooma eeba isaa, ta inni Kristo Yeso keesa qabu, nu agarsiisu.


Ammo naasuuni Waaqa guddo; inni guddo nu jaalata;


Nagayaani taa, nagayaa kiyya isanii kenna, aki anini isanii kennu aka nami lafa woli kennuniti, garaa keesani keesa gaargaltani insodaatiina.


Wonti akanatiifi Waaqi guddo lafa jaalate, tanaafi Ilma ufi tokocha namaa kenne, aka nami isa d'ugefatu tokoleeni imbanne, ammo jireenna hegeri argatu.


ammalle inni nagaya lafatini d'ufa. Hojja worri gosa Ashuru lafa teenna d'ufe had'e naabo teenna ch'ach'abse nuu dabsatu, nu jara nuu mataa jajanna had'iisaa worrati ergina.


Jennaani malaika suni woliini duuli malaika hedduuni tassa d'ufe, Waaqa guddise waan jed'e:


Malaikaani kaate gubbati oldachaate jennaani tissituuni waan woliini jette, Beena, haga Bethlehemu nuu yaasa, waan Waaqi nu beesise ka tahe kana laalla.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite