11 Halkani kana dira Daudi keesa Qarqaarsi ya isanii d'alate, ka Kristo Aabbo jed'ani.
Daimi ya nuu d'alate! Ilma ya nuu kennani! Isati hayyu keenna taha. Maqaani isaani yaamani: Abba mala dansaa, Waaqa Guddaya, Abba jiru jireenna, Hayyu Nagaya.
Isiini ilma deeti, duuba atini maqa isaa Yeso baasi, wonti akanatiifi inni gumi ufi ch'ufa daba keesa baasa.
Nami Israeli ch'ufti ha hubatuuti, aka Waaqi Yeso kana ka isani mukhati fanniftani Aabboofi Kristo tolche!
Simoni Petroni waan jed'eeni, Atini Kristo, Ilma Waaqa jiruuti.
Dubbini tuni maafi naa taate, ta haati Aabbo kiyya nati d'uftu?
Nami aka Yesoni Kristo d'ugefatu ch'ufti ijoolle Waaqa; nami abba jaalatu ch'ufti ilma isale injaalata.
nami ch'ufti diideese, Yeso Kristoni Aabbo jed'u, aka maqa Waaqa Abba guddisani.
waan niiti taaniini jed'e, Maro dubbi tantetiifi ind'ugefanne, ammo maro nu gurra keennaani d'ageenneefi d'ugefanna, akasiini aka inni d'uguma Qarqaarsa lafa ch'ufa beena.
Yusufuleeni dira Nazareti ka Galilaya keesaa deeme, gara lafa Yahudi d'aqe, haga dira Daudi ka Bethlehemu jed'ani, waan inni d'aloota Dauditiifi.
Yakoboni abba Yusufu, d'iirsa Mariamu, ta Yeso ka Kristo jed'ani d'alte.
Adamu qara biyye lafatiini uumani: Adamuni lameeso gubbaa d'ufe.
Dubbi suni ta Waaqi gara ijoolle Israeli erge, aka nagaya Yeso Kristo keesa hasaani, inni Abba nama ch'ufaati, isani imbeetani.
Ammo haga kana ya t'aafani, aka isani aka Yesoni Kristo Ilma Waaqa d'ugefattani, d'ugefannaani aka maqa isatiini jireenna argattani.
Ammalle nu ya garre ammalle biyyati odeesina aka Abbaani Ilma ufi erge, aka Qarqaarsa lafaa tahu.
Filiponi Nathanieli arge waan jed'eeni, Nu namicha Musani waan isaa kitaaba Seera keesati t'aafe, ka ammalle raagootileeni kitaaba ufi keesati t'aafte ya agarre. Yeso ilma Yusufu nama Nazareti.
Inni diideese worra agarsiise, aka Yesoni gaargale duisa keesaa kau male, ammalle, Yesoni kunini ka anini isaaniti himu d'uguma Kristo worraani jed'e.
Waaqi la harka mirgicha ufitiini isa guddise, aka inni Gudda keennafi Qarqaarsa keenna tahe, gosa Israeli daba iraa deebise araarama worraa kennu.
Nu la d'ugefanne, ammalle imbeenna aka atini Qulqullo Waaqa.
Inni oboleesa ufi Simoni barbaade waan jed'eeni, Nu Masihi ya agarre (Masihi jechaani Kristo jecha).
Jennaani Yesoni jara ergattu isaa ch'ufati seere, Aka anini Kristo nama tokoleti inhimina jed'eeni.
Ororooni inni namaani fidu harkaa imbuutu, lichooni hayyumaa worra isaa keesaa imbaatu, haga abbaani damoosa baasanifi d'ufe isa durati gajed'ani saalfatanifiiti.
Anini siifi niiti tana nyaapa wolti tolche, d'alooti keesanileeni woli jibba. D'alooti isii mata si ch'arase, atileeni hirba worraa nyaatta.
Waan isani Kristo Yeso Aabbo keesani tolfattaniifi, isa keesa taa.
Waan kana ch'allaaniti; maro lubbu Aabbo kiyya Yeso Kristo ta waan ch'ufa ira guddotiifi: maro isiitifi anini ya waan ch'ufa lakise. Waan ch'ufa anini aka huura herega aka akasiini Yeso argad'e,
Isiini waan jetteeni, Ee, Aabbo, aka atini Kristo, Ilma Waaqa, ka lafati d'ufu jed'ani, ani la d'ugefad'e.
Ka gari waan jed'e, Kunini Kristo! Ammo kad'ibiini waan jed'e, Kristoni Galilaya keesati ind'alatu.
Isiini aka inni haga Kristo ilma Waaqa arguti indoone isa beesifte.
Inni baafama ka taka argani ind'agayiini nuu kenne, d'aloota garbicha ufi Daudi keesa.
Hayyooti worraa AABBO Waaqafi hayyu inni muude fohateeti garagalte ch'ubbu iti malatte.
Niitiini taani waan jetteeni, Aka Masihi, ka Kristo jed'ani d'ufu, anini imbeekha. Inni gaafa d'ufu waan ch'ufa nu barsiisa.
D'aloota nama kana keesa, Waaqi ya Qarqaarsa Israeli, ka duri kakhate, tolche, ka Yeso jed'ani.