8 Waan anini isaniini jed'u, Inni hurrise d'uga worraa qora. Ammo Ilmi Nama, yo d'ufe, d'ugefacha lafati arga?
Waaqi dira suni keesa jira, dandaani inchochoosani, inni ganama d'ufe dira suni qarqaara.
Barsiiftuuni d'ara tunini sabdooma ufitiifi odu d'ara odeesiti, aka wo keesa argattu. Bara heddu Nami worra qoru kurfo jira, Ka worra balleesuleeni ya hiriibaa kae!
Wonti akanatiifi Kristo d'aratiifi raagi d'ara ind'ufa, akheekhafi waan mama heddu tolchani, aka worra Waaqi fohate sobani, yo sila dandaani.
Nami hedduuni dansumafi balchuma ufi saada, ammo nama dansumafi balchuma qabu aka tabaati lafa keesati inargani?
Ee Yakobo, atini maanifi gungumte, AABBO Waaqi gaargala kiyya imbeekhu yokhaani yo na dabsanile, inni woma ira inqabu, jetta?
Yeso waan jed'eeni, Geedalti goda qabdi, simpirreleeni mana qabdi, ammo Ilmi Nama fulla mata ufi keyatu inqabu.