27 Ammo inni waan worraani jed'e, Wonti namaani intaane Waaqaani intaati.
Ee AABBO Waaqa gudda, atini irreefi jabeenna kanke guddaani lafafi gubba mid'aasite. Wonti atini indandeenne tokoleeni injirtu.
Yesoni worra ilaale waan jed'eeni, Nami indandau, ammo Waaqi waan tokole indad'abu.
Wonti Waaqi tolchu indandeenne tokoleeni injirtu.
AABBO, anini imbeekha, aka atini waan ch'ufa tolchu dandeetu; nami waan atini tolchu feetu dandae d'owu injiru.
D'uguma wonti AABBO Waaqati jabaata injirti? Akuma qara anini siini jed'e, Anini jia sagali tae, yo ani deebie, Saraani ilma qabdi.
Inni nama lafa keesa jiru ch'ufa womatu indaru, malaikaani gubbatiifi nami lafaleeni ch'ufti finna isaa jalati bula. Nami woi isani morme, Atini maani taata? jed'e gaafatu injiru.
Woni kunini nama hafe waan intaane fakaatti, ammo naa intaati.
Worri d'agaye kaani waan jed'eeni, Eentu baafamu dandaa re?