Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Luqaas 18:14 - KITAABA WAAQA

14 Waan anini isaniini jed'u, Namichi kuni nama kaani ira mana ufiti d'ugaani gale. Wonti akanatiifi nami ufi guddisu indiqaata, ammo ka ufi diqeesu inguddisani.

Gade chapit la Kopi




Luqaas 18:14
39 Referans Kwoze  

Wonti akanatiifi nami ufi guddisu ch'ufti indiqaata, ammo nama ufi diqeesu inguddisani.


Ammo Yesoni waan worraani jed'e, Isani worra nama durati ufi d'ugeesu, ammo Waaqi garaa keesani imbeekha; wonti akanatiifi waan nami waan guddo wo namaa baatu sehu Waaqi woma insehu.


Waaqa durati ufi diqeesa, duuba inni oli isani fuud'a.


Nama ufi guddisu indiqeesani, ammo nama ufi diqeesu inguddisani.


Kiyyibi si balleesa, ammo yo atini kiyyibu baate gurra dansa argata.


Ammo eebiti Waaqi namaa kennu hagasi ira jabdu. Wonti akanatiifi t'aafiini waan jettu, Waaqi nama ufi guddisu dide, ka ufi diqeesu eebisa.


Hayyoota barch'uma guddinna iraa kaase hiyyeeyi ira teteesise,


Ato atini gubba olfago jiraatele atini hiyyeesa qorqorate, kiyyibaleeni dandae si dura ind'okhatu.


Ayyaana worra aka garaa keesa hiyyeeyi ufi beekhu: Finni Waaqa ka worraati!


Anini Waaqa gudda, qulqullo, haga jirule tau. Anini gubba fulla qulqullo taa, ammo nama ch'ubbu iraa deebie ufi diqeesule woliini taa, aka akasiini garaa worraa jabeese abdi kennuufi.


Inni nama nama tufatu tufate, ammo nama nama intufanne eebisa.


Nami akami dandae Waaqa durati d'uga qaba? Nami uwii d'alu akami dandae qulqullo taha?


Ammo nu imbeenna, aka d'ugefacha Yeso Kristotiini d'uga namaa heregani, Seera guutitiini woma keesa injirtu. Wonti nuleeni Kristo Yeso d'ugefanneefi aka d'ugefacha nu Kristo d'ugefanneeni d'uga nuu heregani, ammo Seera guutitiini intaatu. Wonti akanatiifi Seera guutitiini nama tokole d'uga inheregani.


Ammo nami huji inhojanne, ka Waaqa nama wollaala qabuuni, Inqabdu jed'e ch'alla d'ugefate, Waaqi d'ugefacha isaa ilaale d'uga heregaafi.


Nami tokoleeni maro waan Seeri fed'u tolchuufi Waaqa ira d'uga inargatu: Seeri aka nami daba tolchu ch'alla nama agarsiisa.


Ammo inni ufi d'ugeesu fed'e waan Yesoni jed'e, Oboleesi kiyya eenufa?


Nama ufi inguddimne nami insaalfata, ammo nami ufi olfuud'u kara badi keesa jira.


AABBO Waaqa sodaachani qarooma daracha. Nami guddinna barbaadu ufi guddisiti lakisu male.


Waaqi nama ufi guddisu diqeese, nama ufi diqeesu baasa.


Isiini waan jetteeni, Hojja ch'ufa akanuma na eebisi. Akasi jette jennaani kaate biraa deemte, sagale nyaate, laalalti taani ch'ufti iraa galte.


Anini amma imbeekha, aka AABBO Waaqi waaqoota ch'ufa ira gudda; wonti akanatiifi inni yayu gumi Israeli harka gosa Misiri, ta worra tufate dabsate, keesaa baase.


Eentu gumi Waaqi fohate himata? Waaqi, Worri wollaala inqabu ya jed'e!


Tanaafi waan maro d'ugefachatifi d'uga nu hereganiifi nu amma Waaqaani wolti nagaya qamna, maro Aabbo keenna Yeso Kristotiifi.


Amma anini, Nebukadrezani, hayyu gubbaa faarse ulfeese guddisa, hujiifi karaani isaleeni ch'ufti ka d'ugaati. Inni nama ufi guddisu ch'ufa dandae kiyyiba iraa kuta.


Eegi guddo gaargale inni deebie gammada argate, aka gaargali isaa sunini wo namaa bahu beekha. Hojattuuni tiyya dansaani, ta guddo na gammachiiftu, ch'ubbu nama heddu fud'ata, aninileeni maro isaatiifi worraa araarama.


Anini, AABBO Waaqi, d'aloota Yakobo ch'ufa baase, duuba worrileeni na faarsa.


Ato anini nama ch'ubbu inqamne taatele, afaani kiyyati na balleesa; yo anini wollaala qabaachu bad'ele dubbuma tiyyati wollaala keesa na buusa.


Duuba dubbini tana: Ch'ubbichi inhafu, ammo nami d'uga maro d'ugefacha isaatiifi injiraata.


Beeni, sagale soorad'u, gammadi, daad'i d'ugi, qilit'ami, Waaqi dubbi womaatu ira inqabu.


Ana hojattu tante qorsumati ingeesini; wonti akanatiifi nami tokoleeni ka si durati ch'ubbu inqamne injiru.


Nami lafafi gubba uume anumaniti? Nami anini iraa gammadu, nama ufi diqeese ch'ubbu lakise, na sodaate naa saalfatu.


Fulla, Fullaani tunini ta nama guddati, armaa kai jed'ani si ch'eersani, yo ufiini si yaamani, kooti, arama dura tai sini jed'ani, ira jirti.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite