Eegi suni Yesoni namicha kaani Mana Waaqa keesati arge waan jed'eeni, Me ilaali, la fayyite. Iti deebite daba intolchiini, aka waan hagana ira hamtu inarganne.
Inni kae, wosaasa ufi fud'ate, nama ch'ufa durati iti d'aabate. Tanaafi nami ch'ufti mame, Waaqa guddisani waan jed'ani, Nu waan akana kana taka ingarre.