14 yoosi eeba argatta; wonti akanatiifi worri waan si deebisu inqabu. Waan suni ch'ufa guyya kaisa jara d'uga si deebisani.
Nami hiyyeesa wo kenne ya Waaqa wo kenne, AABBO Waaqileeni waan inni kenne suni inuma deebisaafi.
Akuma worri Waaqa abdatu, anileeni akasuma abdad'a, aka nama ch'ufa, hamafi dansale, duisa keesaa kaasani.
awaala keesaa yau, nama waan dansa tolche kaasani jireenna kennaniifi, ka waan hamtu tolche kaasaniti wollaala iti murani.
aka qarqaarsi kanke waan d'ossa tahu, duuba Abbaani kanke ka waan atini d'ossaani tolchitu argu galata si baasa.
Ammo hojja atini sagale dansa d'aabdu, hiyyeeyifa, naafafa, nama hokolufa, ballafa yaami,