Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Luqaas 14:13 - KITAABA WAAQA

13 Ammo hojja atini sagale dansa d'aabdu, hiyyeeyifa, naafafa, nama hokolufa, ballafa yaami,

Gade chapit la Kopi




Luqaas 14:13
34 Referans Kwoze  

Garbichi kaani gallaani waan kana ch'ufa abba ufiti hime. Duuba abbaani kaani dalane waan garbicha ufitiini jed'e, hurrisi, deemi, karaafi daandi dira keesa dedeemi, hiyyeeyifi naafafi ballafi nama hokoluuni kooti.


ammalle nama beela qabu quubsitani, nama gaargala qabu, gaargala keesaa baaftani, dukanti isani marsitu tunini garagagalte ifsa guyyaa taati.


Nami hiyyeesa dabsu ya Waaqa isa uume arabse, ammo nami hiyyeesaa nahu Waaqa guddisa.


Sagale teesani nama beela qabuu kenna, hiyyeesa mana inqamne mana keesani bana. Nama qulla yau woya kenna, fiit'a teesani qarqaaru indidina.


Keessuma bulcha. Nami gari akasi tolchinaani, ato imbeekhiini, malaika bulche.


Amma beena gala jila tolfad'a, daad'ifi sagale d'ad'a qabdu soorad'a, nama inqamnelee keenna. Guyyaani kunini Aabbo Waaqa keenna qulqullo, tanaafi ilaalefatina. Gammadi AABBO Waaqi isanii kennu isani jabeesa.


Tisseleeni kara gula yaate nama agarte ch'ufa dansaafi hamale yaamte, nami mana fuud'aa guute.


Jila suni keesa isanifi ilmaani teesani, hojattu teesani, worra gosa Lawiti, keessuma teesani, hiyyeeyefi nad'eeni hiyyeeyi ta dira keesani suni keesa jirtu woliini gammada.


ammalle duri huji dansa hojatte gurra dansa qabaachu malte: niiti ijoolle ufi aka dansa guddifatte, keessuma gololchite, miila gumi Waaqa d'it'e, nama gaargala qabu qarqaarte, ufi baafte, huji dansa ch'ufa hojatte ha taatu.


AABBO Waaqa keesani durati gammada, isani, ilmaani teesani, hojattu teesani, worra gosa Lawiti, keessuma teesani, hiyyeeyifi nad'eeni hiyyeeyi ta dira keesani keesa teetu. Jila suni fulla AABBO Waaqi fohateeti tolfad'a.


Sagaleeni tunini ta worra gosa Lawiti wonti akanatiifi worri qooda lafa inqabu: ammalle sagaleeni suni ta keessumatifi ta hiyyeeyitifi ta nad'eeni d'iirsi ira due ta dira keesaani keesa teetuti. Worri ha d'ufe nyaate quufuti. Waan kana tolcha, duuba AABBO Waaqi keesani waan isani tolchitani ch'ufa keesa isani eebisa.


Nami suni nama wollaala qabu intahiini; ha niiti toko ch'alla qabaatu, nama qalbi dansa qabu tahu male, ka ufi qorqoratu, adaba qabu, ka amala dansa qabu; inni keessuma bulchu male, namale aka dansa barsiisu male;


Nami duu jiruleeni na eebise, anileeni haad'a hiyyeesale gammachiise.


Duuba biyyiti ch'ufti kaate, worra ufiti galte, nyaate d'udde, waan qabdu woliini geete, waan worri dubbi soomanifi taani ch'ufa hubateefi.


Hayyu Hezekiani koromi kuma tokotifi hooliye kuma torba gumii baase, jaaroleleeni akasuma koromi kuma tokotifi hooliye kuma kud'ani baafteefi. Ammalle qaaloleeni hedduuni ufi qulqulleesite.


Sagale tana nama ch'ufa d'iirafi nad'eeni Israeliti qoode: Sagaleni sunini qit'a, fooni wat'alatifi zabibu gogoddu. Duuba nami ch'ufti kae worra ufiti gale.


Ha nama bulche waan dansa jaalatu. Ha ufi qorqorate qajeele, qulqullo tahe, adaba dansaani deemu.


Jaalalti tante, oboleesa kiyya, ya gammadafi jabeenna gudda naa kennite! Wonti akanatiifi atini ya nama Waaqa ch'ufa gammachiifte.


Jennaani Petroni kae worra woliini deeme. D'umnaani mana oli isa geesani. Nad'eeni d'iirsi iraa due isa bira ejaanjatte boote, ubaarafi woya Dorkasini gaafa jirtu hod'ite garsiifte.


Ammo waan mudunufi qori keesa jira hiyyeeyii qooda, duuba wonti ch'ufti qulqullo isanii taati.


Nami tolaani hiyyeesa sagale ufi qoodu, eeba argata.


Nami hedduuni isati d'ufe, naafafi ballafi farrafi duudafi nama d'ukuba gosa heddu Yesotiini d'ufani, jennaani inni worra fayyise.


Jennaani Yesoni namicha isa yaame kaaniini waan jed'e, Hojja sagale guyyatiifi yokhaani ta galgala d'aabdu, jaallani tantetiifi, yokhaani oboleyaani tante iyaamini, yokhaani fiit'a tante yokhaani dureeyi olla kanketi iyaamini, aka worrileeni garagale si iyaamne.


yoosi eeba argatta; wonti akanatiifi worri waan si deebisu inqabu. Waan suni ch'ufa guyya kaisa jara d'uga si deebisani.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite