Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Luqaas 14:11 - KITAABA WAAQA

11 Wonti akanatiifi nami ufi guddisu ch'ufti indiqaata, ammo nama ufi diqeesu inguddisani.

Gade chapit la Kopi




Luqaas 14:11
24 Referans Kwoze  

Waan anini isaniini jed'u, Namichi kuni nama kaani ira mana ufiti d'ugaani gale. Wonti akanatiifi nami ufi guddisu indiqaata, ammo ka ufi diqeesu inguddisani.


Nama ufi guddisu indiqeesani, ammo nama ufi diqeesu inguddisani.


Kiyyibi si balleesa, ammo yo atini kiyyibu baate gurra dansa argata.


Ammo eebiti Waaqi namaa kennu hagasi ira jabdu. Wonti akanatiifi t'aafiini waan jettu, Waaqi nama ufi guddisu dide, ka ufi diqeesu eebisa.


Akasuma isani kaimi, jaarole saalfachu maltani. Nami ch'ufti ha ufi diqeese woli hojatu; wonti akanatiifi Waaqi worra ufi guddisuuni morka, ammo ka ufi diqeesu ineebisa.


Nama ufi inguddimne nami insaalfata, ammo nami ufi olfuud'u kara badi keesa jira.


Waaqa durati ufi diqeesa, duuba inni oli isani fuud'a.


Ato atini gubba olfago jiraatele atini hiyyeesa qorqorate, kiyyibaleeni dandae si dura ind'okhatu.


Kiyyiba nama ira kutani saadu nami ufi saadule iraa balleesani. Waan harkaani boch'ani kad'atani qulqullumaa lafaa d'abani, guyya suni AABBO Waaqa ch'alla guddisani.


Nama ufi insaane baafte, nama ufi saadu lafa buufta,


Guyyaani ind'ufa, ka nama kiyyibu hobaasani nama ufi saadule balleesani. Gaafasi AABBO Waaqa ch'alla guddisani.


AABBO Waaqa sodaachani qarooma daracha. Nami guddinna barbaadu ufi guddisiti lakisu male.


Waaqi nama ufi guddisu diqeese, nama ufi diqeesu baasa.


Duuba Samuelini waan jed'eeni, Ato atini nama diqa woma keesa injirre ufi seetele, atini hayyu gosa Israeli ch'ufaani deemu. AABBO Waaqi si fohate, si muude hayyu Israeli si tolche.


Inni harka ufitiini jabeenna agarsiise jara heregaani ufi saadu firfirse.


Anini Waaqa gudda, qulqullo, haga jirule tau. Anini gubba fulla qulqullo taa, ammo nama ch'ubbu iraa deebie ufi diqeesule woliini taa, aka akasiini garaa worraa jabeese abdi kennuufi.


Nama ufi insaane baafte nama ufi saadu lafa buufta.


Dammi nyaatani ufira dabarsani hama, ammalle akasuma nami aka guddo nami isa owisu fed'uleeni dansaaniti.


Hayyoota barch'uma guddinna iraa kaase hiyyeeyi ira teteesise,


Jennaani Yesoni namicha isa yaame kaaniini waan jed'e, Hojja sagale guyyatiifi yokhaani ta galgala d'aabdu, jaallani tantetiifi, yokhaani oboleyaani tante iyaamini, yokhaani fiit'a tante yokhaani dureeyi olla kanketi iyaamini, aka worrileeni garagale si iyaamne.


Oboleesi hiyyeesi, yo Waaqi wo kenneefi, ha gammadu;


Harka Waaqa jalati ufi diqeesa duuba, aka inni, yo hojjaani geete, isani guddisu.


Jennaani hayyichi waan Hamaniini jed'e, Kai, hurrisi, woyaafi farda fuud'i, Mordekai ka gosa Yahudi kaani, akuma jettu kana tolchiifi. Waan atini maqa d'oofte tokole illakisiini, tolchi guutiifi. Inni afaani fullo tana taa, achiti isa agarta.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite