18 Inni duuba waan jed'e, Finni Waaqa maani fakaata? Maani woli fakeesa?
Yokhaani nami dandae, Kuno kana injed'u, yokhaani, Kuno suni injed'u. Wonti akanatiifi Finni Waaqa jiddu teesani ke jira.
Ammalle Yesoni waan jed'e, Finna Waaqa maani wolfakeesa?
Jennaani inni waan jed'e, Finni Waaqa aka nama mid'aani oobru ufi keesa harch'aasu jira.
Yesoni mammaasa d'ibi worrati hime waan jed'e: Finni gubba nama sanyi dansa oobru ufi keesati oobre fakaata.
Nama d'aloota kana maaniini wolti akheekha? Worri maal fakaata?
Ee Yerusalemu, bad'aaso tiyya ta anini jaalad'u, ani maani dubbad'a, yokhaani akamini garaa si jabeesa? Nami tokoleeni aka kanke kana taka ingaargale. Badiini tante guddo aka bisaani baariini. Eentu dandae badi si d'owa?