11 Niitiini toko ta jinniini haga ganna kud'ani saddeeti fayya d'owarte achi jirti; isiini gajette dandeete aka dansa olinqajeltu.
nad'eeni garileeni ta jinniifi d'ukuba fayyite isa gula yaate Mariamu ta Magdalene jed'ani ta jinni torba keesaa baasani;
Jaartiini tuni, ta dubra Abrahamu, ta Sheet'ani ganna kud'ani saddeeti hid'e, guyya Sabato hid'aansa kana keesa bahu himmalle?
Yesoni lafa goddu geennaani, nami dira suni toko, ka jinni qabu, isati d'ufe. Inni guyya heddu woya inuyifanne yokhaani manaleti ingalu ammo awaala keesa taa.
Anini ya dad'abe, ee AABBO Waaqa, naa nahi humna naa kenni, anini ya ufi jibbaad'e,
Namichi fayyisani kaani ganni isaa afurtama ira jira.
Niitiini toko ta d'iigi haga ganna kud'ani lama keesaa yae, ta hori ufi ch'ufa ch'ireeyiti hobaafte, ammo fayyu dad'abde,
Yesoni abba isatiini waan jed'e, Ganna hagami akana tahe? Inni waan jed'eeni, Haguma ijoolluma isaati.
ballaale ila bana. Inni nama jige kaase gumi ufi ta d'uga gula yaatu jaalata.
Nama toko ka haguma d'alate miili naafateeti jira. Guyya ch'ufa isa fuud'ani, fulla balbala Mana Waaqa ta mid'aadu jed'ani kayani, aka inni nama Mana Waaqa seenu hori kad'atu.
Anini maafi akana tahe laalefad'e gaargala? Anini Waaquma abdad'a; ammalle deebieti Waaqa kiyyafi baafama kiyya faarsa.
Anini yayu gajed'e, ya lafati na mach'arsani, halkani guyya anini boha deema.
Jennaani Sheet'ani kae, AABBO Waaqa biraa deeme nafa Ayubu mamadaani qabate haguma gana faanati fuud'e gubbe matati d'aabe.
Inni nama gaargala keesa jiru qarqaare, nama jigele kaasa.
Yesoni Galilaya ch'ufa keesa dedeeme Maneeni Waaqa iti kad'atani keesati nama barsiise, Odu Dansa ta Finna odeese, d'ukubafi miid'ama gosa ch'ufa nama fayyise.
Yesoni isi arginaani yaame waan jed'eeni, Aato, atini fayyad'aba kanke ya fayyite!
Hojja wonti kuni qara taatu, mata olfud'ad'a, olmillad'a, baafami keesani ya d'iaate.