Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Luqaas 12:31 - KITAABA WAAQA

31 Isani ammo qara Finna isaa barbaada, duuba wonti kuni ch'ufti teesani taati.

Gade chapit la Kopi




Luqaas 12:31
14 Referans Kwoze  

Ammo qaraa fiit'e Finnafi d'uga isaa barbaada, duuba wonti kunini ch'ufti teesani taati.


D'araa hori gula imbadiina; waan qabdani sifefad'a. Wonti akanatiifi Waaqi waan jed'e, Anini haga jiru isani illakisu; haga jiru isani biraa indeemu.


Nami AABBO Waaqa d'ugeefatu ch'ufti isa sodaad'a. Nami isaa saalfatu ch'ufti womafu irakatu.


Fayyafi irreeni nafaa wo namaa darti, ammo fayyafi irreeni lubbu kara ch'ufaani wo namaa darti, maro jireenna ka ammatiifi ka hegerile namaa kennituufi.


Sagale d'umattu inhojatiina, ammo sagale haga jireenna hegeri teetu ta Ilmi Nama isanii kennu hojad'a, wonti akanatiifi Waaqi Abbaani yayu beesisa ufi isa ira keyate.


AABBO Waaqi aka aduu nuu tahe, aka wonte nu qorqorate, nu qarqaare, guddinna nuu kenne, nu eebise. Inni nama d'uga gula deemu waan dansaa tokole ind'owu.


Ka waan ch'ufa garru, nu maani jenna? Yo Waaqi gama keenna jiraate, eentu dandae nu dabsata?


AABBO Waaqa d'ugeefad'i, waan dansaa tolchi; lafale nagayaani keesa tai.


Anini amma ya jaare, ganni kiyya ya d'eerate, ammo taka nama d'uga ka Waaqi lakise, ilmaani isaa sagale kad'atu ingarre.


ch'allati bahe, fulla jajabdu iti d'okhatani gaara gubbati tolfate nagayaani taa. Inni sagaleefi bisaanile argata.


Hojja bari hammaatule, gaargala inargatu, hojja oolaani buutule worri diqole sagale ind'abu.


ammo waan toko ch'alla fed'ani. Mariamuni yayu waan ira dansa fohatte, isi iraa imfuud'ani.


Wonti akanatiifi nami Waaqa imbeenne ch'ufti waan akana kana barbaada. Abbaani keesani aka isani waan akasi feetani imbeekha.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite