26 Yo waan diqo suni indandeenne, maafi waan d'ibii gaargaltani re?
Gaargala keesani ch'ufa harka isaati kennad'a, wonti akanatiifi inni isani jaalate qorqorata.
yokhaani gaandidule ira injiru. Wonti inni tahu tokoleeni woma keesa injirtu; inni beese wolti tuula, ammo nama eege d'ufe fud'atu imbeekhu.
Me, waan Waaqi tolche heregi. Eentu dandae waan Waaqi dabse qajeelcha?
Tanaafi waan nyaattani d'uddani qulqulltani imudamiina.
Tanaafi anini isaniti hima, Jireenna yokhaani nyaata d'ugaati, yokhaani waan nafaati uyifatani ind'ind'insiina. Jireenni liqimsa ira injiru: Yokhaani nafi woya ira injiru:
Eentu isani keesa, ato haguma fed'u qulqulle, dandae lubbu ufi d'eeresa?
Aka daraaraani bahu ilaala; inni inhojatu yokhaani woya inhod'atu; ammo waan anini isaniini jed'u, Solomonileeni guddinna ufi ch'ufa keesati aka daraara kana taka woya inuyifanne.