40 Isani daalle, Waaquma ala mid'aaseti garaa keesale mid'aasaniti?
Ammo Waaqi waan jed'eeni, Atini daalle, halkani kana lubbu tante fed'ani; horiini atini olkeete suni ka eennu taha duuba?
Atini daalle! Yo mid'aani fach'aafte haga biqilaniti imbaani.
Farisayo balloota! Waan mudunu keesa jira d'iqi, duuba alileeni inqulqullaa.
Abbootiini teenna ta lafa nu qajeelchiti, duuba worraa saalfanna. Abba keenna ka lubbu hagasi ira saalfanneefi jireenna argachu himmalle?
Jennaani Yesoni waan worraani jed'e, Isani ka waan raagi jed'e hurriftani ind'ugefanne guddo daalle!
Isaani daalle ila inqamne! Worqi mo Mana Waaqaati ira jira, ka worqi qulqulleesu?
Tunini dubbi AABBO Waaqi waan Israeli dubbate, AABBO Waaqi ka gubba dirirse, lafa yayabe, namale mid'aase lubbu keesa kaye. Inni waan jed'u,
Me ch'aqasa, gumi daalle woma imbeenne, ta ila qabdu womaani ingarre, gurra qabdu womanu ind'ageenne.
Isani ka woma imbeenne, woi barad'a; isani daalle, qalbi horad'a.
Isani daalleeni, haga yoomi daalluma keesa tau feetani? Isani haga yoomi beekha tufachu lakiftani? Isani haga jirtani woma imbaratani?
Inni herega worra ch'ufa qajeelche waan worri tahu ch'ufa beekha.
Daalleeni, Waaqi injiru ufiini jed'a. Worri worra ch'ubbuti ya waan hamtu tolche; nami waan d'uga tolchu tokoleeni injiru.
Ammo Musafi Harunini lafati gajejed'ani waan jed'ani, Ee Waaqa, ka lubbu nama ch'ufa harkaa qabdu, hojja nami toko ch'ubbu tolche atini gumi ch'ufati dallanta?
Jennaani AABBO Waaqi biyye lafa iraa fuud'e nama tolche, hafuura jireennaa funaaniti afuufe, nami suni sunumaani jiraate lubbu argate.
Jennaani Waaqi waan jed'e, Koota, nama mid'aasina fakeennafi akheekha keenna gula, aka inni qurt'umi baariinitifi waan gubbaa barisa ch'ufafi horifi bineensa allaatiifi waan garaani lafa ira lohu ch'ufale mohatu.