35 Tanaafi eegad'u, aka ifsaani si keesa jiru dukana intaane.
Kara atini qajeela seetuti duati si geesa.
Nami waan kana inqamne balla, ila inqabu, aka daba isaa ka dabre iraa qulqulleesani imbeekhu.
Atini, Anini dureesa, waan ch'ufa inqaba ufiini jetta. Ammo atini aka gaargalafi d'ipu qabdu ufi ingartu. Atini hiyyeesa, qulla deemta, lafa ingartu.
Qalbi qamna ufiini jed'ani, ammo daalle tahani;
Dubbi kiyyibatiifi ta daalluma dubbatani, nama diquma toko worra wollaala qabu keesaa imbahiini d'araa nafatiini sobani t'urura ke buusani.
Nama qaroo intahini, ka ammo qaroo ufi sehu, daalle raatuti ira jira.
Ilti ifsa nafaati. Yo ilti tante dansaa taate, nafi kanke ch'ufti ifsa qaba.
Ifsaani nafaa ila; yo ilti tante qulqullo taate, nafi kanke ch'ufti ifsa qaba; ammo yo hamaatte nafi kanke ch'ufti indukanaa.
Duuba yo nafi kanke ch'ufti ifsa qabaate fullaani diqoole dukanooftu injirre, nafi ch'ufti ifsa qaba, aka waan ifsaani guddo siti ifsu.