Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Luqaas 11:13 - KITAABA WAAQA

13 Yoosi, yo isani nami hamamaani, waan dansa ilmaani teesani kennu beetani, maro hagami hagasi ira Abbaani gubbaa Lubbu Qulqullo jara isa kad'atu kenna?

Gade chapit la Kopi




Luqaas 11:13
30 Referans Kwoze  

Yo isanu ka hameenna qabdani, waan dansa ilmaani teesani kennu beetani, Abbaani keesani hagasi ira waan dansa worra isa kad'atu kenna!


Yesoni waan jed'eeni, Yo sila atini galata Waaqaa beete ammalle nama bisaani si kad'atu kana beete, bisaani jireenna isa kad'atta.


Inni Ilma ufile nu ind'owanne, ammo nu ch'ufaa baase! Inni ka Ilma ufi nuu kenne, waan nu feenu ch'ufa tolaani nuu inkennu?


Gorsa kiyya ch'aqasa; anini dubbi dansaani isani gorse beekha kiyyale isanii qooda.


Petroni waan jed'eeni, Daba iraa deebia, isaniini ch'ufti maqa Yeso Kristotiini batifama, aka daba keesani isanii araaramani; duuba qarqaarsa Waaqa ka Lubbu Qulqullo argattani.


Duuba eegee anini lubbu tiyya nama ch'ufa ira buusa: ilmaani teesani ta d'iiratiifi ta uwalealeeni wo fadde, jaaroleeni teesani oobju oobjatte, kaimi keesanileeni daayyani wo arga.


Anini lubbu tiyya isani keesa kaye, seera kiyyafi aada anini isanii kenne ch'ufa isani guuchisiisa.


Duuba AABBO Waaqi waan jed'uuni, Niitiini daima ufi ka d'alte indeeti? Yokhaani ilmaani isiini d'alte nahu indiddi? Ato isiini deetele anini haga jiru isani inded'u.


Wonti akanatiifi yo isani wollaala namaa araaramtani, Abbaani keesani ka gubbaleeni isani araarama.


Worri Waaqa imbeenne waan kana ch'ufa barbaada. Abbaani keesani ka gubba jiru aka isani waan kana ch'ufa feetani imbeekha.


Yesoni waan jed'eeni, Hojja kad'attani waan jettani, Aabbo, maqa kanke qulqullo ha guddisani; finni kanke ha d'ufu


Yo Waaqi buuyo arra jirtu ta bori ibidati gatani akana uyise, inni hagasi ira isani inuyisu? D'ugefachaani teesani waan diqoo!


aka isani ilmaani Abba keesani ka gubba jiru taatani. Inni adu nama hamamafi dadansale baase, bokayale nama d'ugatiifi nama d'arale rooba.


Akasuma ifsaani keesani ha nama durati ifsu, aka hujiini teesani dansaani mullatte Abba keesani ka gubba jiru guddisani.


Anini haguma d'alad'e daba qaba, haguma duri garaa haad'a tiyya keesati uumame ch'ubbu qaba.


Anini aka wonti dansaani na keesa injirre imbeekha, nafa kiyya keesa. Ato waan dansa tolchu fed'ele dandae intolchu.


D'uguma daba nama toko gula dabi nama mohate, maro nama sunitiifi, Ammo wonti nami toko Yeso Kristoni tolche hagasi ira jirti! Nami eeba Waaqaatiifi tola d'uga isaa argatu ch'ufti jiraate lafa mohata, maro Yeso Kristotiifi.


Wonti akanatiifi nuleeni duri daalle, dubbi inch'aqamne, ta wollaala tolchitu. Nu tissele d'araa nafatiifi gammada gosa ch'ufaa taane. Jireenna keenna ch'ufa daallumafi d'iibi keesa teenne. Nami hedduuni nu jibbe, nuleeni worra jibbine.


AABBO Waaqi ch'inch'a fooni gubani suni suufe jennaani waan ufiini jed'e, Anini deebie namaa jed'e lafa inabaaru, ato heregi garaa isaa haguma inni d'alate hamale tahe, yokhaani anini waan lubbu qaba aka qara balleese kana deebie imballeesu.


Yokhaani yo inni okhokaani kad'ate qaanjibu kennaafi?


Waaqi jara inni fohate, ka halkani guyya isa yaamatu, indubbatufi? Inni hurrise inqarqaaru?


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite