8 Dira duuddani ch'ufa yo isani yaamani, waan isanii kennani ch'ufa soorad'a;
Yo nami Kristo ind'ugefanne mana ufiti isani yaame d'aqu feetani, waan isani dura kayani ch'ufa nyaad'a, gaafi male.
Nami isani d'ieesu, na d'ieesa; nami na d'ieesu nama na erge d'ieesa.
D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Nami nama ani ergu fud'ate, nale ya fud'ate; ammalle ka na fud'atu nama na erge fud'ata.
Ammo dira keessumooma ira inargatiini ch'ufa, kara isa gula yaa, waan jettani,
waan worraani jed'e, Nami daima kana maqa kiyyaani jabeesu ya nale jabeese; nami naa jabeesu ch'ufti ka na erge jabeesa. Wonti akanatiifi nama isani keesa ch'ufa ira diqaati isani ch'ufa ira gudda.
Akasuma Aabbooni ya worra Odu Dansa odeesule, Waan jiraataniini achi argad'a jed'eeni.