Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Luqaas 1:78 - KITAABA WAAQA

78 Waaqi keenna hojja ch'ufa naasu qaba; inni kayyo ta aka adu gubba nuti ifsa,

Gade chapit la Kopi




Luqaas 1:78
19 Referans Kwoze  

Nu d'aamsa raagooti nuti himte aka dansa beenna. Yo waan kana aka dansa ch'aqaftani, waan dansa tolchitani; wonti akanatiifi inni aka ifse dukana keesa ifsitu jira, haga lafti bariite urjiini ganama gara keesaniti ifsituuti.


Ammo isani, worra maqa kiyya sodaatu, d'ugaani tiyya aka adu isaniti ifsite, kayyoni isii isani jireesiti. Duuba aka yabbiye d'oqoba keesaa banani buraat'ani.


Isani gumi Waaqaati; inni isani jaalate, isani fohate. Tanaafi naasufi arjoomafi ufi diqeesitifi laana deemtifi obsa qabaachu maltani.


Jireenni keesani ka Kristo keesaa isani jabeesa mo? Jaalalti isaa garaa keesani jabeesiti? Lubbuuni wold'aqisa qabdu? Woli naatu?


wonti mullisani suni ch'ufti ifsaa taati. Wonti, Kai, nama rafe, duisa keesaa kai, Kristoni siti ifsa jed'aniifi tana.


Anini waan taka tana laale gosa Israeli arga. Hayyu bakalcha fakaatuti gosa Yakobo keesa bahe, aka urji deemtu Israeli keesaa d'ufa. Inni worra Moabu gugurda d'ae, worra Sethi ch'ufa d'aana.


Anini Yesoni, ya malaika tiyya isaniti erge, aka waan kana gumiti himu. Anini hiddafi d'aloota Dauditi; anini bakalcha ganamaani ifsu.


Yo nami hori lafa tana qabaate ammalle oboleesa isaa ka gaargala qabu arge ammo garaa iti jabaate, inni akamiini, Waaqa jaalad'a ufiini jed'a?


Duuba waan jettuuni, AABBO Waaqi Guddaani waan jed'u, Namichi Dame jed'ani sunini aka dansaa fulla jiru suniiti late bahe Mana AABBO Waaqaa jaara.


Duuba Yoshua, qaallicha gudda ch'aqasi, ammalle qaalole wahela isaa isanileeni ch'aqasa, isani akheekha dansa milki ka d'ufu: anini hojattu tiyya ta Dame jed'aniini d'ufa!


D'alooti Yese hunda mukha murani fakaata; ammo akuma dameeni latte hunda suni iraa baatu, akasuma hayyuuni d'aloota isa keesa d'alata.


Yo anini, Jaalalti anini garaa kiyya keesa qabu garaa Kristo Yeso keesaa d'ufte jed'e, Waaqileeni naa d'uga.


Wonti akanatiifi Waaqi guddo lafa jaalate, tanaafi Ilma ufi tokocha namaa kenne, aka nami isa d'ugefatu tokoleeni imbanne, ammo jireenna hegeri argatu.


Ee AABBO Waaqa, gubbaa fulla atini qulqulloomafi guddinna keetiini teetu, nu ilaali. Atini maanifi nu yaalu didda? Irreeni tante meeti? Naasufi jaalalti tante meeti? Nu inded'ini.


Anini naasufu jaalala AABBO Waaqa namati odeese waan inni nuu tolcheefi isa faarsa. Inni maro naasufi jaalala isaatiifi yayu gumi Israeli qarqaare guddo eebise.


Ee AABBO Waaqa, naasufi jaalala tante ta ind'umanne, ta atini haguma duriti na garsiifte qaabad'i.


Anini gumi tiyya balla kara worri imbeenne gulaani deema. Anini dukana worraa ifsa tolche, lafa gooro qabdu worraa dirirsa. Waan kana anini tolchu male intau.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite