Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Luqaas 1:77 - KITAABA WAAQA

77 Aka waan baafama, ka araarama daba namaa d'ufuuni, gumi isaa barsiiftu.

Gade chapit la Kopi




Luqaas 1:77
19 Referans Kwoze  

Raagi ch'ufti isa d'ugeesa, aka maro maqa isatiifi nami isa d'ugefatu ch'ufti araarama argatu.


Waaqi la harka mirgicha ufitiini isa guddise, aka inni Gudda keennafi Qarqaarsa keenna tahe, gosa Israeli daba iraa deebise araarama worraa kennu.


Petroni waan jed'eeni, Daba iraa deebia, isaniini ch'ufti maqa Yeso Kristotiini batifama, aka daba keesani isanii araaramani; duuba qarqaarsa Waaqa ka Lubbu Qulqullo argattani.


Tanaafi daba iraa deebia, Waaqaati fuula deefad'a, aka inni daba isani iraa d'iqu,


Anini yayu arge d'ugeese aka kunini Ilma Waaqa.


Boriyya Yohanani Yeso gara isa d'ufu jiru arginaani waan jed'e, ilaala, ilme hoola Waaqa, ta daba nama lafa ch'ufa fud'attu.


Nami ch'ufti baafama Waaqaa ila ufitiini arga.


Tanaafi inni lafa ch'ufa ta d'aawatu galaana Yordani d'aqe namati odeese waan jed'e, Daba iraa deebia, batifama, aka daba isani araaramani.


Inni d'iiga ufitiini nu bite nu baase, daba keenna nu araarame. Eebiti Waaqa,


Nami tokoleeni deebie nama gosa isaa yokhaani oboleesa isatini, AABBO Waaqa beekhi jed'e, imbarsiisu; wonti akanatiifi worri ch'ufti, diqaafi guddaleeni, na beekha. Anini daba worraa araarameefi ch'ubbu worraale deebie inqaabad'u. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.


Waaqi ya isa sorio namaa tolche, aka maro d'iiga isatiifi daba namaa araaramani. Araarama kana yo d'ugefatani argatani. Wonti Waaqi Kristo sorio tolcheefi, aka d'uga ufi agarsiisu. Duri Waaqi obse wollaala bira namaa dabre;


Jennaani Pauloni waan jed'e, Yohanani d'uguma batiso daba iraa deebianiini barsiise waan jed'e, Ka na gula d'ufu d'ugefachu maltani, nami suni Yeso.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite