Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Luqaas 1:51 - KITAABA WAAQA

51 Inni harka ufitiini jabeenna agarsiise jara heregaani ufi saadu firfirse.

Gade chapit la Kopi




Luqaas 1:51
32 Referans Kwoze  

Sirba hareesa Waaqaa sirba, maro inni waan mama tolcheefi! Inni harka isaatiifi irre isaa qulqullooni ya waan ch'ufa dabsate.


AABBO Waaqi irre ufi qulqullooni gumi ufi baasa, duuba waan suni lafti ch'ufti inargati.


AABBO Waaqa, kai, nu qarqaari, harka keetiini nu baasi, akuma atini duri tolchite. Nami goorjama Rahabu jed'ani gargari ch'ire siiniti?


Worri Waaqa imbeekha, ammo ulfinna isaa male kennuufi didani, yokhaani galatale isa indeebisani. Ammo heregi worra ya daallae, mataani worra ka qalbi inqamne ya dukanae.


Amma anini, Nebukadrezani, hayyu gubbaa faarse ulfeese guddisa, hujiifi karaani isaleeni ch'ufti ka d'ugaati. Inni nama ufi guddisu ch'ufa dandae kiyyiba iraa kuta.


AABBO Waaqi, ka irre isaa guddooni waan jabdu Musa tolchisise, bisaani baariini gargari kute, gumi isaa bisaani qile taakisiise, akasiini haga jiru jireenna gurra baafate, me? AABBO Waaqi worra dura deeme, worrileeni aka farda lafa aloo ka ingufanne yae.


Me ilaala, AABBO Waaqi guddaani irreeni d'ufu jira, aka lafa mohatu; inni gumi harka nyaapa keesaa baaseni d'ufuu jira.


Qonqo geerarsa ta waaro gumi Waaqa keesaa d'uftu d'agaya; jabeenna AABBO Waaqa guddati waan suni tolche!


Atini gorjama Rahabu jed'ani ch'ach'absite ijeefte, irre tante guddooni nyaapa kanke dabsatte.


AABBO Waaqi aka hameenni namaa lafa ira dabre, ammalle heregi garaa worraa hojja ch'ufa hama arginaani,


Maro waan kanatifi gaargali isii ch'ufti guyya toko isii d'aa: D'ukubafi lalefachafi beeltileeni; ibidaani isi gubani. Wonti akanatiifi Aabbo Waaqi ka isi qoru guddo jaba.


Akasuma isani kaimi, jaarole saalfachu maltani. Nami ch'ufti ha ufi diqeese woli hojatu; wonti akanatiifi Waaqi worra ufi guddisuuni morka, ammo ka ufi diqeesu ineebisa.


waan nu gufachiisa ka kara keesa jira, ka Waaqa hubachu nama d'owa balleesina: herega keenna ch'ufa Kristo kennina, aka inni mohatu.


Atini akami jabeenna qabda, irreeni tante akami jabdu!


Lubbuuni tiyya d'uafi gabbinna soorate quufti, ammalle anini gammade, sirbe maqa ke faarsa.


Waan atini naa tolchite ch'ufa anini galata sii deebisee, gumi tante durati dansuma tante odeesa.


AABBO Waaqi mala gosa d'ibi balleese, herega biyyale yaka.


Waaqi tokoleeni, ka taka deeme nama lafa d'ibi keesaa fuud'e nama ufii tolfate, aka AABBO Waaqi keesani isani lafa Misiri keesaa fuud'e injira? Ila teesani durati inni irre isaatiifi jabeenna isaatini gaargala lolaatiini d'ufe, waan taka nami arge ind'agayinifi waan mama tolche, waan nama sodaachisa heddu tolche.


Anini amma imbeekha, aka AABBO Waaqi waaqoota ch'ufa ira gudda; wonti akanatiifi inni yayu gumi Israeli harka gosa Misiri, ta worra tufate dabsate, keesaa baase.


AABBO Waaqi ch'inch'a fooni gubani suni suufe jennaani waan ufiini jed'e, Anini deebie namaa jed'e lafa inabaaru, ato heregi garaa isaa haguma inni d'alate hamale tahe, yokhaani anini waan lubbu qaba aka qara balleese kana deebie imballeesu.


Duuba AABBO Waaqi lafa ch'ufa keesa worra gargari baase wolhanqise; jennaani worri ijaarsa dira suni lakise.


AABBO Waaqi irre isani d'owe, nami ch'ufti isani tufata.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite