Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Luqaas 1:49 - KITAABA WAAQA

49 maro Waaqi ka jabeenna qabu waan jabdu na tolcheefi. Maqaani isaa qulqullo;

Gade chapit la Kopi




Luqaas 1:49
21 Referans Kwoze  

Inni gumi isaa balchoomse, wold'aqisa haga jiru jireenna woliini tolfate. Inni qulqullo ammalle jabeenna qaba.


Nami ch'ufti ha maqa isaa gudda jaba faarsuti; inni qulqullo!


Ee AABBO Waaqa, nami aka keeti lafa keesa injiru; atini gudda, maqaani kankeleeni gudda, ammalle jabeenna qaba.


Gara isa, ka dandae waan nu kad'annu ira nuu kennu yokhaani waan nu herennule ira, maro jabeenna nu keesa hojatuufi:


Ganni Abramu sagaltami sagali geennaani AABBO Waaqi isati mullate waan jed'eeni, Anini Waaqa Gudda. Na ch'aqasi, waan hamtu intolchini.


Anini Waaqa gudda, qulqullo, haga jirule tau. Anini gubba fulla qulqullo taa, ammo nama ch'ubbu iraa deebie ufi diqeesule woliini taa, aka akasiini garaa worraa jabeese abdi kennuufi.


Eennuti sii insodaanne Aabbo? Eennuti maqa kanke inguddimne? Si ch'allati qulqullo. Gochiti ch'ufti d'ufteti si guddiftu. Maro huji tante ta d'uga, ta nami ch'ufti arguutiifi.


AABBO Waaqa keenna faarsa, gaara isaa qulqullo irati isa kad'ad'a! AABBO Waaqi keenna qulqullo.


Nami tokoleeni ka aka AABBO Waaqa qulqullo injiru; isa male tokoleeni ka nama jabeese qorqoratu injiru.


Ee AABBO Waaqa, Waaqi d'ibiini aka kanke jiru eenu? Eenuti aka kanke qulqullooma gudda qaba? Eenuti waan mamatiifi huji jabdu aka kanke dandae tolcha?


Woli yaamani waan woliini jed'ani, Qulqullo, qulqullo, qulqullo! AABBO Waaqi guddaani qulqullo! Lafti ch'ufti guddinna isaatini guutamti.


Ammo ee, AABBO Waaqa, atini ka irreefi jabeenna qabdu kalcha tiyya, tanaafi nami na gaargalchu na dabsachu dad'aba. Worra haga jiru jireenna ch'eersani, waan tokole dabsachu dad'aba. Ch'eera worra haguma jirani inded'ani.


Wonti lubbu qaba suni ch'ufti koola jaa qabdi alaafi keesale ila qabdi halkani guyya sirba illakiftu. Qulqullo, qulqullo, qulqullo, Aabbo Waaqa gudda, ka duri jiru, ka ammalle jiru, ka hegerile jiru jette sirbite.


Tanaafi Yesoni gadi lakise; jinniini namicha keesaa yaate, booyye ke duudde, duuba booyyeeni ta haga kunki lama orite, galaana duudde, galaani liqimse.


Tanaafi amma tana waan AABBO Waaqi guddaani Israeli jed'u ch'aqasa: Isani nyaapa kiyya, anini amma haalo isani fuud'a aka isani deebitani na ingaargalchine.


Hayyuuni guddinna kunini eenu? Inni AABBO Waaqa, ka jabeennaafi irre qabu, AABBO Waaqa, ka nyaapa ufi dabsatu.


Kunini eenu, ka dira Bosra ka lafa Edomuti d'ufu? kunini eenu, ka woya diimtu mid'aadu keeyate, irre ufi guddooni deemu? Inni AABBO Waaqa, ka irre namaani baasu qabu, ka d'uga ch'alla dubbatu.


Wonti akanatiifi inni ya garbiti ufi diqo qaabate. Ammalle eegi arraa achi d'alooti ch'ufti ta eebifamte naani jed'a,


inni worra isa sodaatu inaha, d'aloota ch'ufa keesa.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite