46 Mariamuni waan jette: Garaani kiyya Aabbo faarsa,
Duuba anini maro AABBO Waaqatifi gammade, waan inni na baaseefi qilit'ama.
Anini AABBO Waaqa keesa gammade, waan Waaqi kiyya wo naa tolcheefi qilit'ama. Inni yayu woya baafama nati uyise, ubaara d'uga naa kaaye, akuma worri wolfuud'u faaya dadansa naqate ufi mid'aasu.
Tanaafi akuma t'aafiini jettu, Nami ufi koorsu fed'u ch'ufti ha waan Aabbooni tolcheeni ufi koorsu.
Maro Aabbootiifi hojja ch'ufa gammada. Anini ammalle isaniini injed'a: Gammada!
Waan kana ch'allaaniti; nu maro Aabbo keenna Yeso Kristotiifi Waaqa keesa gammanna, ka amma jaalaani Waaqa nu tolche.
Anini, AABBO Waaqi, d'aloota Yakobo ch'ufa baase, duuba worrileeni na faarsa.
Isani, ato isa inarginile, isa jaalatani, ato amma ilaani ingarrele isa d'ugefatani tanaafi gammada gudda dubbini dandeete imullimneeni qilit'amtani.
Wonti akanatiifi nami qabanqaba d'uga argate nuu, worraaniti; nu Waaqa lubbu isaatiini kad'anna, ammalle jireenna keenna ka Kristo Yeso keesatiifi gammanna; aada namaa ta nafa ind'ugefannu.
Ammo galati Waaqa imbadiini! Yo nu Kristo keesa jirru, Waaqi hojja ch'ufa aka nama Kristoni boojie dabsachaani galchu nu yaasa. Aka urgaa qayyaa ka fulla ch'ufaa yaatu, Waaqi nama ch'ufati Kristo nuuni mullisa.
Waaqi nagaya nuu kennu, ka is isaa isani tolfatiinna, lubbufi onneefi nafa keesani wollaala ira d'owiina, gaafa Aabbo Yeso Kristoni d'ufu.