Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Luqaas 1:33 - KITAABA WAAQA

33 Inni hayyu worra Yakobo haga hegerile taha; hayyumti isaa muumme inqabdu.

Gade chapit la Kopi




Luqaas 1:33
28 Referans Kwoze  

Bara hayyooti suni lafa fiddu Waaqi gubbaa finna haga jiru jireenna ind'umanneeni d'ufa. Finna suni dandaani indabsatani, ammo inni finna d'ibi ch'ufa balleese haga jiru jireenna mohata.


Ammo waan Ilma, Waaqi waan jed'e, Hayyumti tante, Ee Waaqa, haga hegeri jirti! Anini d'ugaani nama fidda.


Jabeennafi guddinna lafa hayyuuni fidu ch'ufa gumi Waaqa guddati kennani. Finni worra ka jiru jireennati, nami lafa mohate ch'ufti worraa hojate saalfatafi.


Atini haga jirtu d'aloota ind'abdu. Hayyumti teetileeni muumme inqabdu ta haga jiru jireenna.


Jennaani malaikaani torbeeso magalata ufi d'oofte, qonqooni guddooni gubbaa baate waan jette, Jabeenni lafaani fidani amma ka Aabbo keennatiifi ka Kristo isaati, inni haga hegeri fida.


Yesoni worrati d'iaate waan jed'eeni: Jabeenna ch'ufa, ka lafafi gubbale, ya nati kennani.


Hayyumti Waaqi sii kenne haga jiru jireenna teeti. Bokuuni atini namaani fidduleeni ka d'ugaati;


Worri naafa, ammalle worra isaani ira fago jira, ammo anini worra hafe suni qarqaare gosa guddo tolche horsiisa. AABBO Waaqi armaa achi haga jiru jireenna gaara Sioni irati worra fida.


Gumiini qulqullooni Waaqa guddaa, jabeenna lafaani fiddu argatte haga jiru jireenna teeti.


Yo isani ka Kristo taatani, isani d'aloota Abrahamuti, waan Waaqi kakhate inargattani.


Anini, kakhuuni Waaqa ya badde injed'u; wonti akanatiifi gochiti Israeli ch'ufti worra Waaqi fohateniti.


Worri aada tana gula yau, nagayafi naasuuni ha worra woliini teetu, worraafi gumi Waaqa ch'ufale!


Wonti akanatiifi nami qabanqaba d'uga argate nuu, worraaniti; nu Waaqa lubbu isaatiini kad'anna, ammalle jireenna keenna ka Kristo Yeso keesatiifi gammanna; aada namaa ta nafa ind'ugefannu.


Kunini kitaaba maqa worra Yeso Kristoni keesaa d'alate. Yeso Kristoni d'aloota Daudi, Daudini d'aloota Abrahamu.


Worri Yerusalemu, ka nyaapa ufii dabsate, gaara Esau had'e mohata. Hayyuuni lafa suni AABBUMA Waaqa taha.


Nami mana naa jaaruleeni isuma anini ammalle hayyuma isaa haga jiru jireenna iraa infuud'u.


D'aloota kanke keesa hojja ch'ufa nama hayyu tahu ind'abani. Anini hayyuma d'aloota keeti haga jiru jireenna jabeesa.


Jabeenni inni namaani fidu inhobau, lafti inni fidu yo ch'ufa nagaya qabdi. Inni barch'uma Daudi, ka hayyuma, ira tae nama fida; inni d'ugaafi qajeelumaani nama fida, haga ammatiifi haga hegerile. AABBO Waaqi guddaani waan suni guutu male illakisu.


Duuba nami d'aloota Daudi toko hayyu tahe, d'ugaafi jaalalani biyya fida. Inni waan d'uga hurrise tolche, ammalle aka nami nama indabsine qorqorata.


AABBO Waaqi waan jed'u, Guyyaani ind'ufa, ka anini d'aloota Daudi keesa nama d'uga toko fohad'e hayyu tolchu. Hayyichi sunini kara dansaani nama fidde, waan d'ugaatifi ka qajeela lafa ch'ufa keesati tolcha.


Ganni torbaani kaani hobaanaani, anini, hayyu Nebukadrezani waaqa ollale, jennaani qalbini nati deebite. Jennaani anini Waaqa gudda faarse, isa ka haga jiru jireenna jiru guddise. Inni haga jiru jireenna mohata, finni isaleeni bara ch'ufa jira.


Anini amma seera baasa, aka nami lafa anini fidu keesa jiru ch'ufti Waaqa Danieli sodaate saalfatufi. Inni Waaqa jiru, ka haga jiru jireenna tau. Finna isaa dandaani imballeesani jabeenni isaaleeni muumme inqabu.


Mariamuni waan malaikaani jette, Anini dubra. Wonti kunini akamiini taati?


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite