Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Kolosai 2:4 - KITAABA WAAQA

4 Tanaafi anini amma isaniti hima: nami tokoleeni hasaa d'aratiini isani insobini, ato akuma fed'u dansa fakaatele.

Gade chapit la Kopi




Kolosai 2:4
28 Referans Kwoze  

Jaalaani tiyya, nama, Anini Lubbu Waaqa qabu jed'u ch'ufa ind'ugefatiina, ammo gargari hubad'a aka lubbuuni suni gara Waaqati d'ufte. Wonti akanatiifi raagi d'ara hedduuni ya lafa d'ufe.


Iti deebine ijoolle d'awaani galaana d'od'ooftu intaanu yokhaani ta barsiisaani nama d'ara ch'ufti chochooftu intaanu, ka malteeni nama d'ibi kara ira gorsu.


Yesoni waan jed'e, Eegad'a, nami tokoleeni isani insobini.


Nami nama sobu hedduuni ka Yeso Kristoni fakaata nama intaane jed'u, ya lafa d'ufe nami akana kunini nama soba, inni nyaapa Kristoti.


Kristo d'aratiifi raagi d'ara mullate, akheekhafi mamisa d'ara nama agarsiisa, aka yo dandaani, nama Waaqi fohatele sobani.


d'aqeti gosa lafa ch'ufa keesa firfirfamte, akasi jechaani Gogifi Magogi jechu, soba. Sheet'ani had'iisafi worra ch'ufa wolti yaama, akuma maansa afaani galaana.


ammo nama hamafi kiyyibaani ch'ufti ira hamaata, ufi sobani nama d'ibile sobani.


Hasaa nama Waaqa imbeenne; ka daalluma, ka Waaqa ira nama fageesu, lagad'u.


Nami tokoleeni dubbi kiyyiba ta d'aratiini isani insobini: maro waan kanatifi dalansuuni Waaqa worra isaa inch'aqamneti d'ufti.


Ammalle jiddu teesani keesa namati d'ufa, ka waan hamtu dubbatu, aka gumi Yeso ufi gula deebisu.


Malaikaani boola keesa isa buufte, ch'ufte, beesisa ira keyatte, aka inni haga ganni kunki toko hobauti nama tokole insomne. Eegi suni diqo toko isa hiikhu malani.


Nami lafa jiru ch'ufti isa guddisa, akasi jechaani, nama ch'ufa ka maqa isaa, ato lafti inuumamiini, kitaaba jireenna ta Ilme Hoola ta ijeesani keesati int'aafiini jecha.


Jawe guddo taani gadigatani! Isiini suni bofa duri kaani, ka Sheet'ana yokhaani Jinni jed'aniini, ka lafa ch'ufa sobe. Isaafi malaika isaa ch'ufa lafati gatani.


Anini waan worra isani sobu fed'u t'aafa.


Ijoolle tiyya, muummeeni ya d'iaatte! Aka nyaapi Kristo d'ufu ya isaniti himani; nyaapi Kristo hedduuni amma yayu mullate, tanaafi aka muummeeni d'iaate imbeenna.


Nami tokoleeni waan daayya arguufi waan isani ira jiru ufi sehe waan keesani isani inhanqisiini, yokhaani kara d'aratiini, Ufi diqeesa, malaika kad'ad'a isaniini injed'iini. Nami akana kunini kiyyiba, waan qalbi qabu ufi sehe ammo waan ufi saaduufi inqabu;


Eegad'a, aka nami tokoleeni qalbi nama ta woma imbaaneeni isani insomne. Qalbiini suni waan nami wolbarsiisufi waan herega lafaa iraa d'ufti, Kristo ira ind'uftu.


ammo jari gari oboleyaani ufi tolche, qabanqaba qabuufi fed'e worri suni aka jajuusa gumi teenna seene, aka balchooma nu Kristo Yeso keesa qamnu argani, Tisse nu tolchu fed'ani.


Anini insodaad'a; hegeri qalbiini teesani hamaatte jaalala Kristo qulqullo lakiftani — akuma bofi Hawai malteeni sobe.


hasaafi odu tiyyale qaroomaani dubbachu dide, ammo jabeenna Lubbu Waaqatiini hasae.


Wonti akanatiifi Kristo d'aratiifi raagi d'ara ind'ufa, akheekhafi waan mama heddu tolchani, aka worra Waaqi fohate sobani, yo sila dandaani.


Maqa Aabbootiini anini waan kana jabeese jed'a: aka worra Waaqa imbeenne, ka qalbiini worraa woma imbaanne,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite