Ammo Waaqi ya Kristo Yesoni takaa isani tolche, ammalle ya Kristo qarooma keenna tolche; maro isaatiifi nu Waaqaani wolti araaramne, ya gumi Waaqaa taane, ya balcha taane.
Nami gurra qabu waan Lubbuuni gumiini jettu ha d'agayu! Nama dabsatu anini sagale manna jed'ani ta d'ossani kennaafi. Ammalle ch'abbi adi ta maqa hareesa irati t'aafani, ka nama argatu male nami d'ibiini imbeenne kennaafi.
Tanaafi nu waan Kristo nama ch'ufati odeesina. Nama ch'ufa gorsineti barsiimna, qalbi teenna ch'ufaani, aka nami ch'ufti Kristo keesati guddate fuula Waaqa duraani d'umnu.