Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Kolosai 1:9 - KITAABA WAAQA

9 Maro waan kanatifi nu haguma waan keesani d'ageenne Waaqa isanii kad'anna. Nu Waaqa kad'anna, aka inni fed'i ufi aka dansa isani barsiisu, hubachaafi qalbi Lubbuuni isaa namaa kennitu ch'ufaani.

Gade chapit la Kopi




Kolosai 1:9
35 Referans Kwoze  

Ammo qalbiini gubba gadi d'uftu qara qulqullo, ammalle ta nagaya, ta laana, ta nama ch'aqaftu, ta naasufi mid'aani dansa qabdu, ta tuffifi kiyyiba inqamne.


Yo nami tokoleeni isani keesa beekha d'abe, ha Waaqa kad'atu, duuba Waaqi naaso, hifacha male waan ch'ufa namaa kenna.


Qalbefad'a, worra d'ugefacha inqamne dura adabaani yaa, qoomni argattani ch'ufa imballeesina, woiini tolcha.


Waaqi nagayaa waan dansa ka isani feetani ch'ufa isanii kenniina, aka fed'i isaa tolchitani; ammalle inni Yeso Kristo keesa waan isaa gammachiisa nu tolchisiisiina. Guddinni haga hegeri gara Kristo ha tahu! Amini.


Fed'iini Waaqa tana: aka isani hasaa daalluma, ka worra woma imbeenne, huji teesani dansaani ch'allisiiftani.


Anini ufii gama kiyyani AABBO Waaqi na didinna aka anini isanii kad'achu lakise isati inch'ubbamne. Ammo fulla suni, anini kara dansaafi ka d'uga isani garsiise isani barsiisa.


Wonti nu hojja ch'ufa Waaqa isanii kad'annuufi tana. Nu Waaqa keenna isanii kad'anna, aka isani jireenna inni iti isani yaame argattani. Jabeenna isaatiini inni yaada dansa ka isani feetani isanii kenne huji teesani dansa ta d'ugefacha guutinna.


hojja ch'ufa Waaqa kad'ad'a,


Atini Waaqa kiyya, fed'i tante na barsiisi. Dansuma tanteetiini kara qajeela naa akheekhi.


Ammalle nu imbeenna aka Ilmi Waaqa d'ufe hubacha nuu kenne, akasiini aka Waaqi d'ugaa beenna. Nu Waaqa d'ugaa keesa jira, Ilma isaa Yeso Kristo keesa. Waaqi d'ugaa kana, jireenni hegerileeni kana.


Dubbini Kristo, ha guddatte, garaa keesani keesa ha teetu. Qalbi ch'ufaani wolbarsiisa, wolgorsa. Waaqaa faarsa, sirba isaa sirba, faaru isaa d'ahad'a, garaa keesaniini Waaqa galata deebisa.


Isani obsu maltani, aka fed'i Waaqa tolchitani, waan inni kakhate argattani.


hojja isani kad'ad'u ch'ufa anini gammadaani kad'ad'a,


Hojja anini Waaqa kad'ad'u ch'ufa, oboleesa Filemoni, anini maqa kanke d'ae galata Waaqa deebisa.


Hojja worri isani ilaalu ch'alla inhojatiinaafi, ammo garaa keesani ch'ufaani waan Waaqi fed'u tolcha, aka tissele Kristo.


Aada lafa tana jaalattani gula indeemina, ammo ha Waaqi garaa keesaniifi qalbi teesani jijiruuti. Yoosi fed'i Waaqa barattani, waan dansa, ka isa gammachiisa, ka qit'e.


Wonti akanatiifi nu Waaqafi Abba keenna durati qaabanna, aka isani d'ugefacha teesani hujiini hojattani, aka jaalalti teesani huji guddo isani tolchisiifte, ammalle aka abdiini teesani Aabbo Yeso Kristo keesa jabdu.


Lafafi d'araani isileeni indabarti, ammo nami fed'i Waaqa tolchu haga hegeri taa.


Armaa achi jireenna keesani ch'ufaani fed'i Waaqa keesa taa, d'araa nafa lakisa.


Epafraleeni ka gumi teesani, ka hojattu Kristo Yeso, nagaya d'aama. Inni hojja ch'ufa guddo Waaqa isanii kad'ata, aka isani jabaattani guddattani aka dansa d'ugefattani fed'i Waaqa ch'aqaftani.


Oduuni Dansaani eebaani d'ufte lafa ch'ufa gahuu jirti, akuma gaafa isani guyya qara eeba Waaqa d'ageetani waan isii hubattani taate.


Indaallaina, fed'i Aabbo Waaqaa hubad'a.


Waan Waaqa gammachiisa jabaad'a barad'a.


ta inni guddise nuu kenne waan guddo! Qalbifi malte isaatiini


Yo nami fed'i Waaqa tolchu fed'e, aka wonti ani barsiisu gara Waaqati baate yokhaani anumaani dubbad'u gargari imbeekha.


Anini nama na barsiise ch'ufa ira qalbi qaba, waan anini barsiisa tante guyya ch'ufa hereguufi.


Wonti akasitiifi maro Kristotiifi isani ya waan ch'ufaani duroomtani, arabaafi qalbi ch'ufaleeni.


Tanaafi Petro hid'aansati lakisani, ammo gumiini guddo Waaqa isaa kad'atte.


Wonti anini hojja ch'ufa Waaqa kad'ad'u, aka wold'aqisi keenna, d'ugefacha teenna keesa, hubacha eeba ta Kristo keesa jirtu, ta hagasira guddo nuu kennu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite