8 Inni aka Lubbuuni jaalala isanii kennite nuti odeese.
Anini isani kad'ad'a oboleyaani tiyya, maqa Aabbo Yeso Kristotiifi jaalala lubbuuni kennituni: kad'acha anini Waaqa kad'ad'u keesa isanileeni naa kad'ad'a.
Wonti akanatiifi Waaqi lubbu nu daafansiiftu nu inkennine, ammo lubbu jabeennaafi jaalalafi ufi qorqoracha nuu kenne.
Nu aka isani Kristo Yeso d'ugefattani ya d'ageenne, ammalle aka isani gumi Waaqa ch'ufa jaalattani.
Ammo Lubbuuni jaalalafa, qilit'amafa, nagayafa, obsafa, naasufa, d'uga gula deemitifa, dansoomafa,
Abdiini tunini nu inch'eersitu, waan Waaqi jaalala ufi Lubbu Qulqullooni garaa keenna keesa dambalaaseefi. Lubbuuni Qulqullooni suni qarqaarsa Waaqi nuu kenne.
Eegi isani amma d'uga guuttani, suniini ufi qulqulleesitani, ammalle oboleyaani teesani aka dansa jaalattani, garaa keesani ch'ufaani aka dansa woli jaalad'a.
Wonti d'ossani ta imullimne injirtu, yokhaani wonti daboolaani ta imbuqimne injirtu.