Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Kolosai 1:5 - KITAABA WAAQA

5 Gaafa dubbini d'uga, Oduuni Dansaani, gara keesani qara d'ufte, abdi isiini qabdu ya d'ageetani. Tanaafi d'ugefachaafi jaalalti teesani waan isani abdattani keesa jirti, ta gubba isanii olkayani.

Gade chapit la Kopi




Kolosai 1:5
33 Referans Kwoze  

Isanileeni akasuma: gaafa dubbi d'uga d'ageetani, Odu Dansa ta baafamaani isanii d'ufte, isani Kristo d'ugefattani, jennaani Waaqi beesisa ufi isani ira keyate Lubbu Qulqullo ta kakhate isani kenne.


Amma galata dabsachaati na eegata, ammo sure d'ugaa ta Aabbooni jaallabi d'ugaa guyya suni naa kennuti na eegata, na ch'allaaniti ammo worra jaalalaani d'ufiisa isaa eegu ch'ufa.


ta jireenna hegeri abdattu barsiiftu worra barsiisu. Waaqi, ka d'ara indubbanne, ya jireenna kana duru nuu kakhate,


Heregi Waaqa kana: aka waan guddo mama ka duri d'ossani amma gumi ufiti mullisu. Wonti qara d'ossani suni tana: Kristoni isani keesa jira, wonti kunini aka isani guddinna Waaqa argattani agarsiifti.


Aka ijoolle d'io d'alatte taha, nama hojja ch'ufa aanani qulqullo ka lubbuti beelau, aka eegi d'uddani gugurdattani baafamtani.


Tanaafi isanileeni d'ugefacha keesa jabaattani dura yau maltani, aka yayaba Oduuni Dansaani isanii kennite iraa inchochoone, ammalle aka abdi gaafa Odu Dansa d'ageetani argattani iraa ingorre. Oduuni Dansaani ta nama lafa ch'ufati odeesani tana; anini Pauloleeni ya hojattu isii tahe.


Yo abdiini teenna ta Kristo jireenna kana ch'alla keesa jiraatte, nu nama lafa tana ch'ufa ira naasu feena.


Seeri Musa dandae woma tokole inqit'eesu. Amma abdi d'ibiini ya d'ufani, ta Waaqati nu d'ieesitu.


Ammalle maro waan kanatifi nu hojja ch'ufa galata Waaqa deebimna. Gaafa nu dubbi Waaqa isanii d'umneeni, isani aka dubbini suni ta namatiini, ammo d'uguma dubbi Waaqaa ch'aqaftani d'ugefattani. Waaqi jiddu isani worra d'ugefate hojachu jira.


Nami abdi tana Kristo keesa qabu ch'ufti akuma inni qulqullo ufile qulqullaa.


Nu inhereganna aka Waaqi d'uga nuu heregu; nu waan kana eeganna, jabeenna Lubbu Waaqa ta d'ugefacha teenna keesa hojattu suniini.


D'aamsi keenna aka Waaqi Kristo keesa nama ufiti araarsu. Waaqi daba worrati int'aamne, ammalle ya d'aamsa nagaya kana harka keennati kenne.


Pauloni aka jari gari Sadukayo ammalle ka gari Farisayo arginaani, kora keesati qonqo olfud'ate waan jed'e, Oboleyaani, anini Farisayo, ammalle ilma Farisayooti. Wonti na qoraniifi maro anini kaisa nama due abdad'uufi.


Ammo garaa keesani keesati Kristo guddisa Aabbo isa tolfad'a. Nama waan abdi isani ufi keesa qabdani isani gaafatu, aka iti himatani hojja ch'ufa kurfo taha. Ammo garaa laafinatifi ka ch'eeratiini tolcha.


Duuba ammatana wonti kunini sadeenu inteeti: d'ugefachaafi abdifi jaalala; ammo ta waan ch'ufa ira jirtu jaalala.


Akuma worri Waaqa abdatu, anileeni akasuma abdad'a, aka nama ch'ufa, hamafi dansale, duisa keesaa kaasani.


Wonti atini nama si sodaatu olkeete akami dansa! Nami ch'ufti aka atini dansa imbeekha, aka atini nama si d'ugeefatu jabeesite qorqorattule.


Jechi kuni ka d'ugaati, fud'atani d'ugefachu malani: Kristo Yesoni aka nama daba baasuufi lafa d'ufe. Guddaani worra suni ana,


Aabbo Yeso Kristofi Waaqi Abba keenna, ka nu jaalate eeba ufitiifi jannooma hegerifi abdi dansa nuu kenne,


Dubbini Kristo, ha guddatte, garaa keesani keesa ha teetu. Qalbi ch'ufaani wolbarsiisa, wolgorsa. Waaqaa faarsa, sirba isaa sirba, faaru isaa d'ahad'a, garaa keesaniini Waaqa galata deebisa.


Wonti isiini jettu tana, Dubbini Waaqa d'aatu tante jirti, hid'i tante gubbafi garaa kanke keesa jirti, dubbi d'ugefacha ta nu odeesinu.


Dubbi suni ta Waaqi gara ijoolle Israeli erge, aka nagaya Yeso Kristo keesa hasaani, inni Abba nama ch'ufaati, isani imbeetani.


Waan qabdani gurgura, eebaani wo namaa kenna. Subba indulomane mid'aafad'a, hori gubba jiru ka inhobaamne olkeyad'a, fulla hattuuni iti ind'iaanne yokhaani fulla bilaachi imballeesine.


Oboleyaani, ilmaani d'aloota Abrahamufi isani ch'ufa ka Waaqa sodaattani, dubbi baafama tana gara keenna ergani.


d'aamsa keenna ka d'ugatiifi jabeenna Waaqaatiini. D'ugaani woraana wonte teenna, ta haanunifi ta ufira d'owarrunile.


Nu diqo tokole worra jala illaamne, waan nu d'uga Odu Dansa balleesu imfeeneefi.


Aka worri daandi qajeela waan d'uga ta Odu Dansa gula indeemne arginaani, anini gumi durati waan Petroni jed'e, Atini gosa Yahuditi, ammo qara ufiyu aka gosa d'ibi tau jirta, aka Yahuditiiniti. Akamiini duuba dandeete gosa d'ibiini, Aka Yahudi taa jetta re?


Isani ya waan isaa d'ageetani, ammalle aka nama isa gula yau ya d'uga Yeso keesa jirtu barattani.


Duuba waan kana anini hojja ch'ufa isani qaabsiisa, ato isani beetani, d'uga qara argatani aka dansa jabeesitanile.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite