3 Nu hojja ch'ufa Waaqa, Abba Aabbo keenna Yeso Kristo galata deebimna, hojja nu isanii kad'annu ch'ufa.
Nu hojja ch'ufa maro teesaniifi Waaqaa galata deebimne kad'acha teenna keesa maqa keesani d'oomna.
Anini Waaqa ka qalbi dansaani, akuma ababooti teenna tolchite hojad'uufi, galata deebisa. Anini galata isaa deebisa hojja halkani guyya kad'acha tiyya keesati si qaabad'u.
Maro waan kanatifi nu haguma waan keesani d'ageenne Waaqa isanii kad'anna. Nu Waaqa kad'anna, aka inni fed'i ufi aka dansa isani barsiisu, hubachaafi qalbi Lubbuuni isaa namaa kennitu ch'ufaani.
Anini hojja ch'ufa maro teesaniifi Waaqa kiyya galata deebisa, waan inni Kristo Yeso keesa eeba isani kenneefi.
Inni ya jabeenna dukana keesaa nu baase, nagayaani finna Ilma isaatiini nu gahe.
Maro waan kanatifi anini haguma d'ugefacha isani Aabbo Yeso d'ugefattaniifi jaalala isani gumi Waaqa jaalattani d'agaye,
Waan tokole inqulqulliina, ammo kad'acha teesani ch'ufa keesati waan feetani ch'ufa Waaqa kad'ad'a guyya ch'ufa galata Waaqaa deebisa.
aka isaniini ch'ufti qonqo tokooni Waaqafi Abba Aabbo keenna Yeso Kristo faarsitani.
Waaqa Abba Aabbo keenna Yeso Kristoti galata deebimna, inni Abba naasu, Waaqa qarqaarsa aka ch'ufa namaa kennu!
Waan kana ch'ufa kad'achaani tolfad'a qarqaarsa Waaqa kad'ad'a. Hojja ch'ufa Waaqa kad'ad'a, akuma Lubbuuni isani agarsiiftu. Maro waan kanatifi hojja ch'ufa kurfo eegad'a; ufi injibaatiina, hojja ch'ufa gumi Waaqati kad'ad'a.