Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Kolosai 1:16 - KITAABA WAAQA

16 Wonti akanatiifi Waaqi waan lafafi gubba jira ch'ufa isaani uume, waan mullatafi ka imullannelle, hayyootafi, worra irre qabuufi, ka wo mohatuufi, ka jabeenna qabu ch'ufa. Waaqi waan lafafi gubba jira ch'ufa isaafi uume, isaani uume.

Gade chapit la Kopi




Kolosai 1:16
29 Referans Kwoze  

Waan ch'ufa isati uume, wonti ch'ufti maro isaatiifi jirti, ammalle isaani jirti. Guddinni gara Waaqa haga hegerile ha jiraatuuti! Amini.


Waan ch'ufa Waaqi isaani uume, wonti tokoleeni ta isa male uumamte injirtu.


nu Waaqa toko ch'alla beena; inni Abba, ka waan ch'ufa uume, nu isaafi jiraanna; ammalle Aabbo toko ch'allati jira, Yeso Kristo, ka wonti ch'ufti isaani uumamte, nuleeni isaani jirru.


Aki Waaqi, ka waan ch'ufa uume qorqoratu, gaargala Yesoni argateeni isa qit'oomsu fullaa, aka ilmaani heddu guddinna isaa qoodachiisu. Wonti akanatiifi nami worra dura deeme baafama worraa kennu Yeso.


Irreefi humnaafi, guddinnaafi mid'aagumafi jabeenni keetuma. Wonti gubbafi lafa keesa jiraleeni ch'ufti keetuma, atini hayyu hayyu ch'ufa mohatu.


ammo ammatana, bara eege kana keesa la Ilma isatiini nuti dubbate. Waaqi waan gubba jira ch'ufa isaani uume, isa fohate, aka gaafa muumme inni waan ch'ufa d'aallu.


Wonti Waaqi tolchu fed'u, aka yo hojjaani geete, uumama lafa ch'ufa ka lafafi gubba jiru woltiini d'ufe Kristo mataa tolchu.


Anini AABBO Waaqa, ka isani baase; anumati isani uume. Anini AABBO Waaqa, ka waan ch'ufa mid'aase gubbale qofuma tiyya dirirse; gaafa anini lafa mid'aase namu na inqarqaare.


AABBO Waaqi waan mid'aase ch'ufa woumafi mid'aase, ch'ubbichale aka balleesuufi uume.


Kristoni Waaqa imullanne fakaate Waaqa nu agarsiisa. Inni Ilma angafati, waan uumani ch'ufa ira jira.


isanileeni ya jireenna mijuu isa keesa argattani. Inni mohachafi jabeenna ch'ufa ira jira.


Worri sunini gumi anini uume tiyya tolfad'e, tanaafi isiini na faarsiti.


Tanaafi arra inded'ina qaabad'a AABBO Waaqi Waaqa gubbatiifi lafale, isa male kad'ibini injiru.


Aka, maro ulfinna maqa Yesotiifi, wonti gubba jiratiifi ka lafa jiratifi ka lafa jala jira ch'ufti jilbifate,


Ilma isaatiini, Waaqi uumamaa ch'ufa gara ufi deebise. D'iiga Ilma isaa ka maskali gubbati jigeeni nagaya tolche, akanaani waan lafafi gubba jira ch'ufa gara ufi deebise.


ka gubbati oldeebie harka Waaqa ka mirga tae, malaikafi jabeennaafi humna gubba jiru ch'ufa fidu.


Maskali gubbati Kristoni jabeenna mohachafi irre gubba balleese, waan suni ch'ufa aka waan duuli boojie galche diidati nama agarsiise.


Wonti akanatiifi nu namaani woli had'uuti injirru, ammo qilleensa hama lafafi gubbatiini wolhad'u jirra, jabeennaafi irre gubba ta bara dukana kanale.


Anini imbeekha, aka wonti tokoleeni dandeete jaalala isaatiini gargari nu imbaamne: duisafi jireennileeni; malaikafi jabeenni gubbaa jiruleeni; waan ammatiifi ka hegerileeni;


Jennaani worri Israeli kad'acha tana kad'ate: Ee AABBO si ch'allati AABBO Waaqa; nami gubbafi urjile uume siuma. Atini lafafi baariinifi waan keesaa jira ch'ufa uumte jireesite wonti gubba jira ch'ufti gajette si kad'ati.


Inni qara lafa jira. Lafti isaani uumamte, ammo lafti fuula isaa imbaranne.


worri d'aloota jaarole duriiti, Kristoleeni d'aloota gula gosa worraati. Waaqa ka waan ch'ufa fidu haga jiru ha guddisani! Amini.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite