Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Kolosai 1:10 - KITAABA WAAQA

10 Yoosi aka Aabbooni fed'u teetani, hojja ch'ufa waan inni jaalatu tolchitani. Jireenni keesani waan isani hojattani ch'ufa keesati mid'aani baasa, isanileeni beekhuma Waaqa keesa guddattani.

Gade chapit la Kopi




Kolosai 1:10
44 Referans Kwoze  

Anini ka maro anini Aabbo hojad'uufi na hid'ani, isani kad'ad'a yaamicha Waaqi isani yaame gula yaa.


Waaqi nagayaa waan dansa ka isani feetani ch'ufa isanii kenniina, aka fed'i isaa tolchitani; ammalle inni Yeso Kristo keesa waan isaa gammachiisa nu tolchisiisiina. Guddinni haga hegeri gara Kristo ha tahu! Amini.


Waan kad'annu ch'ufa isa ira inarganna, maro nu seera isaa guunne waan isa gammachiisa tolchinufi.


Isani na imfohanne, ammo anati isani fohate erge, aka deemtani mid'aani baaftani, mid'aani ka inhamaanne. Duuba Abbaani waan maqa kiyyaani kad'attani ch'ufa isanii kenna.


Dubbi buufata, oboleyaani, isani aka teetani Waaqa gammachiiftani nura ya barattani. Haguma duriiti isani akasuma teetani. Amma nu isani kad'anna, maqa Aabbo Yesotiini, aka isani hagasile ira jabaattani.


Waan dansa tolchaafi woli qarqaarsa inded'ina. Sorioni akana tunini Waaqa gammachiifti.


Maro waan kanatifi Abbaani kiyya inguddifama, waan isani mid'aani guddo baaftaniifi; akasiini isani jara kiyya taatani.


Biyya teenna aka huji dansa tolchani aka waan fed'ani argatani barsiisi, ufuma intataiina jed'iini.


Ammo eebafi hubacha Aabbo Qarqaarsa keenna Yeso Kristo keesa guddad'a. Guddinni ka isaati, ammafi hegerile! Amini.


Nami waan AABBO Waaqa gammachiisa ch'alla tolchu nyaapa isaale wold'aqani nagayaani woliini taani.


Waan kana ch'ufa qabaachu maltani; yo waan kana ch'ufa qit'e ufi keesa qabaattani, beekhuma Aabbo Yeso Kristo keesa jabaattani mid'aani baaftani.


Waan isani Kristo Yeso Aabbo keesani tolfattaniifi, isa keesa taa.


Gochiti ch'ufti Waaqa ufii kad'atte gula yaati, ammo nu gama keenna AABBO Waaqa keenna haga jiru jireenna kad'anne gula yaana.


Isani jabeesine, isani qarqaare, jireenna Waaqa isani yaame finnafi jabeenna isaa isanii qoodu gammachiisu, keesa taa jenne.


Qalbefad'a, worra d'ugefacha inqamne dura adabaani yaa, qoomni argattani ch'ufa imballeesina, woiini tolcha.


Tanaafi deema teesani keesa aka dansa ufi qorqorad'a. Aka nama woma imbeenne intahiina, aka nama qaro taha.


Nu uumama Waaqaati, ammalle Kristo Yeso keesa inni ya nu uume, aka huji dansa ta inni herege nu kurfeese ke teennu.


Ammo galati Waaqa imbadiini! Yo nu Kristo keesa jirru, Waaqi hojja ch'ufa aka nama Kristoni boojie dabsachaani galchu nu yaasa. Aka urgaa qayyaa ka fulla ch'ufaa yaatu, Waaqi nama ch'ufati Kristo nuuni mullisa.


Batiso teennaani nu isa woliini doone awaalamne, aka, akuma guddinna Abbatiini Kristo duisa keesaa kaasani, nuleeni jireenna haraani jiraannu.


Waan Waaqa gammachiisa jabaad'a barad'a.


Jaalala keesa yaa, akuma Kristoni nu jaalate jireenna ufii nuu baase, sorio dansa fooleeni isii Waaqa gammachiiftu nuu tahe.


Wonti jabduuni, adabi keesani aka Oduuni Dansaani ta Kristo jettu ha jiraatu, aka ato anini d'ufe isani argu d'ibaad'ele, aka isani garaa tokooni jabaattani ejaanjattani yaada toko ch'allaani woliini haatani d'agayu, maro d'ugefacha odu dansaatiifi.


Jireenni keesani waan dadansa ka Yeso Kristoni fed'uuni guutama, aka maqa Waaqa guddisani faarsani.


Ammalle nu imbeenna aka Ilmi Waaqa d'ufe hubacha nuu kenne, akasiini aka Waaqi d'ugaa beenna. Nu Waaqa d'ugaa keesa jira, Ilma isaa Yeso Kristo keesa. Waaqi d'ugaa kana, jireenni hegerileeni kana.


Gumi teetiini, Dubbi jara lafa fidutiifi ta worra gugurda ch'aqasa, guuta, waan dansa ch'ufa tolcha jed'i qaabsiisi.


Ijoolle, waan ch'ufa keesa worra keesani saalfad'a; wonti akanatiifi Aabbooni akana fed'a.


Duuba nuuni ch'ufti garaa tokooni, d'ugefacha teennafi beekhuma teenna ta Ilma Waaqaatiini wolti d'umna; nama gugurda taane, haga Kristoni gahu geenna.


Ammo akuma bisaani baariini guutani, akasuma lafti beekhuma guddinna AABBO Waaqatini guutamti.


D'ugefachati Henoko duu d'owe. Fulla Waaqa isa geesani nami isa argu dad'abe, waan Waaqi isa gubbati olgeeseefi. T'aafiini, ato isa gubbati olingeesiini, inni Waaqa gammachiise jetti.


Askartiini huji hojattu gudda isii gammachiisu feeti, waan d'ibi ka huji askartii intahiini keesa seenu imfeetu.


ammalle Kristo, ka mataa isaatu ya jabeesu lakise. Qorqorti Kristo jalati nafi ch'ufti inquufa, mitafi maach'eerati wolti qaba, akuma Waaqi fed'u guddata.


Tatabeeni aka isani waan kana ch'ufa naa kennitani agarsiiftu tana isiini waan guddo! Anini waan fed'u ch'ufa ya argad'e, maro Epafroditoni waan isani ergitani ch'ufa naa d'ufeeniifi. Wonti kunini aka sorio urgooftu ta Waaqaa baasani jirti, ta inni fud'ate gammaduuni.


ammalle Waaqa, Abba guddinna, ka Aabbo keenna Yeso Kristo, kad'ad'a, aka inni lubbu isani qaroomsite Waaqa isaniti mulliftu isanii kennu, aka isani baratani.


Waaqi waan isani feetani ira isanii kennu indandaa, aka isani waan feetani ch'ufa argattani ammalle ira isanii haftu, aka huji dansa ch'ufaani guutattani.


Ammalle jireenni hegeri kana: aka atini Waaqa tokocha d'uga si beekhani, Yeso Kristole ka atini ergite beekhani.


Inni waan nani jed'e, Danieli, amma kitaaba ch'ufi, beesisa ira kayi, haga muummeeni d'uftuti. Nami hedduuni olgadi orie waan baratu barbaada.


Eegi guddo gaargale inni deebie gammada argate, aka gaargali isaa sunini wo namaa bahu beekha. Hojattuuni tiyya dansaani, ta guddo na gammachiiftu, ch'ubbu nama heddu fud'ata, aninileeni maro isaatiifi worraa araarama.


Waaqi, Dukana keesa ifsaani ha ifsu jed'eti ifsa kana garaa keenna keesati ifse, aka ifsa hubacha guddinna Waaqa nuu kennu ka fuula Kristoti ifsu.


Ammalle inni Abba worra qabanqaba qabate ch'ufa waan worri qabanqaba qabatefiniti, ammo waan worri faana d'ugefacha ta Abbaani keenna Abrahamuuni, ato qabanqaba inqabatini gula deeme gula yaanifi.


Waan kana qaabachu maltani, oboleyaani tiyya: anini maro heddu imaltu gara keesani d'ufu fed'e, ammo hojja ch'ufa woiti na d'owe. Ya jiddu teesanile nama d'ugefachiisu fed'e, akuma gosa d'ibi keesa tolche.


Waan ch'ufa ira nu isa gammachiisu feena, worra keenna kana keesafi achileti.


Jaalala tante ya gumi armaati hasaani. Worra qarqaari, aka imaltuuni worraa kara Waaqi fed'uuni toltu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite