3 Fiit'aani haad'a isaa dubbi tana worra Shekemuti haasoofte jennaani. Worri Shekemu waan worri wolfit'atifi ee jed'e Abimeleki gula bahe.
Labaniini waan Yakobooni jed'e, Ato fiit'ale taane, akanumati na injohattu ana maani sii heregu feeta?
Ch'ubbichi d'araa isaa hamtuuni koora; sabdichileeni AABBO Waaqa abaare isa dida.
Jennaani nami erga d'ufe waan Daudini jed'e, Garaani nama Israeli ch'ufti yayu Absalomu gula deebie.