Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Jaallaboota 7:2 - KITAABA WAAQA

2 AABBO Waaqi waan Gideoni jed'e, Nami si woliini jiru muumme inqabu, anini dandae worra Midiani harka worrati inkennu. Hegeri worri kiyyibe waan jed'u, Numati harka keennani ufi baase jed'a.

Gade chapit la Kopi




Jaallaboota 7:2
25 Referans Kwoze  

Eegad'a, aka garaa keesa, Nu irre teennafi jabeenna keennaani duuroomne injenne.


Ammo nu worri hori lubbu kana qabu aka okote faara jirra, aka nu jabeenna inqamne ammo Waaqi jabeenna gudda qabu agarsiisani.


Tanaafi amma worra aka damele ch'absani intufatiina. Akamiini ufi guddiftani? Isani akuma damele jirtani; hidda inqabdani, hiddati isani qaba male.


Wonti isani ufi guddiftaniifi injirtu, wonti akanatiifi wonti kunini waan isani ufiini tolfattaniiniti.


Anini, AABBO Waaqi, qara duula gosa Yudati dabsacha keenna, aka ulfinni ilmaani Dauditifi worri Yerusalemu argatu ka worra Yuda ira injirre.


Jennaani malaikaani suni waan naani jette, Tunini dubbi Waaqi Zerubabelini jed'e: Atini irreeniti yokhaani jabeennaniti lubbu tiyyaani wo dabsatta.


Atini mid'aguma tanteetiini ufi koorsite, guddinni kanke mata si d'owe si daallese. Maro waan kanatifi anini darbaad'e lafa si buuse, aka hayyooti d'ibiini yo waan si tolchani kana gartu sodaatu.


Yonathanini waan kaimticha kaaniini jed'e, Olla worra aada inqamne, ka gura inuranne, suniti nu yaasa. Hegeri AABBO Waaqi nu qarqaara; yo inni nu qarqaare wonti worra dabsachu nu d'owa injirtu, ato nu nama diqa taanele.


Ammo anini kiyyiba nyaapa worra sodaad'a, worri hegeri ufi d'aade, AABBO Waaqaniti, nuti worra harka keennaani hobaase jed'a.


Wonti nu ufi guddimnuufi maani re? Injirtu! Maafi akana? Waan nami Seera gula deemuufi? Hiyyo, ammo waan inni d'ugefatuufi.


Worri t'urura isaani aka waaqa kad'ate sorio baasaafi, wonti akanatiifi t'ururaa suni ira worri waan nyaate d'ugu argata.


waan jed'e, Diri guddaani kunini ch'ufti Babiloniniti? Ka anini irre tiyyaani jaare, keesa qubad'e, guddinnaafi jabeenna kiyya garsiise.


Namicha, waan atini hayyu Tirotini jettu, Atini ufi guddifte, kiyyibde keesa dabarte, waaqa ufiini jette. Ammalle atini, Anini waaqa ka barch'uma guddinna ira jiddu baariini tau jetta. Ato waaqa ufi tolchitele atini waaqaniti, namuma.


AABBO Waaqi waan jed'u, Qarooni qarooma ufitini kooru himmalle, jabaaleeni jabeenna ufitini kooru himmalle, dureesileeni durooma ufitini kooru himmalle.


Hayyichi Ashuru kiyyibe waan jed'u, Anini waan kana ch'ufa irruma tiyyaani tolche; anini jaba ammalle qaroo. Anini seera jiddu lafaa deeme lafa gosa gosa gargari baasu balleese, waan worri olikeyate ch'ufa boojie, aka korma looni nama achi tau ch'ufa ira ejaanjad'e.


Asani AABBO, Waaqa isa kad'ate waan jed'e, Ee AABBO Waaqa, atini dandeete jabaafi laafale qarqaarta, amma nu qarqari, ee AABBO Waaqa keenna, nu si abdanne, maqa kanketini duula muumme inqamne kana had'u d'ufne. Ee AABBO, atini Waaqa keenna; nami si dabsatu tokoleeni injiru jed'e.


Kiyyiba nama ira kutani saadu nami ufi saadule iraa balleesani. Waan harkaani boch'ani kad'atani qulqullumaa lafaa d'abani, guyya suni AABBO Waaqa ch'alla guddisani.


Ammo eebiti Waaqi namaa kennu hagasi ira jabdu. Wonti akanatiifi t'aafiini waan jettu, Waaqi nama ufi guddisu dide, ka ufi diqeesu eebisa.


Guyyaani ind'ufa, ka nama kiyyibu hobaasani nama ufi saadule balleesani. Gaafasi AABBO Waaqa ch'alla guddisani.


Qaabad'a, nami irre duroomtanini isanii kennu AABBO Waaqa keesani. Wonti inni akasi tolchufi, waan inni wold'aqisa inni ababoota teesani woliini tolfate, haga arrale gula deemuufi.


Waaqi halkani daayya keesa dubbateeni, Yakobo, Yakobo! jed'e yaame. Yaa, anini kuno, Aabbo jed'e owaate.


Gosa Israeli ch'ufa keesa nama kunki toko duula erga.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite