Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Jaallaboota 6:21 - KITAABA WAAQA

21 Jennaani malaikaani AABBO Waaqa harka d'eerefate fiit'e ule harka qabdutini foonifi qit'a kaani tut'e. Ibidi d'akha suni keesaa bahe foonifi qit'a kaani gube. Jennaani malaikaani ila isaa duraa badde.

Gade chapit la Kopi




Jaallaboota 6:21
8 Referans Kwoze  

Jennaani AABBO Waaqi ibida gubba gadi erge, ibidi suni sorio gubanifi gabbinna waan mesa fakaata gubba jiru ch'ufa gube, Biyyiti waan suni garte jennaani lalabde lafati gajejete.


Solomonini kad'acha ufi hobaase. Jennaani ibidi gubba gadi bue, sorio baasani taani ch'ufa gube, guddinni AABBO Waaqa ka bibiliqu mana isaa guute.


Jennaani AABBO Waaqi ibida gubbaa gabuuse, ibidi sunini foonifi qoraanifi d'akhaaye taanile ch'ufa gube lafa gogose, bisaani kaanileeni ch'ufti fooqatani.


artiti fulla sorio iti qalani AABBO Waaqaa jaare, sorio gubanifi sorio wold'ageeti Waaqaa baase. Jennaani Waaqa kad'ate, AABBO Waaqi kad'a isaa d'agayeefi, ibida gubba gadi buuse sorio sunini gube.


Ato arabi ibida d'akha ira olbahu, Manoafi niitiini isaa malaika AABBO Waaqa ta araba ibida keesa gubbati oldeemtu argani. Jennaani Manoani aka nami suni malaika AABBO Waaqaa hubate, isaafi niitiini isaa lafati gogombifamani; duuba deebiani malaika taani inargine.


Malaikaani waan jetteeni, Foonifi qit'a d'akha kana ira kayi, fuuto gubbati buusi. Gideonini akasuma tolche.


Jennaani Manoani kaarata laleesatifi mid'aani fuud'e, d'akha irati AABBO Waaqa ka waan mama tolchu, sorio baase.


AABBO Waaqi akheekha kana sii kenne akanaani kakhu isaa guuta.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite