Jennaani ato inni tae akasi dubbatu, Yeroboamuni askarti isaa nama haga toko dudda duubani duula Yudati had'iisa erge, ka askartini isaa taani fuula duraani worrati fuula deefatu.
Hurrisa, worra algala hama daba kana hojatte nuti kenna, aka nu worra find'e hameenna kana gosa Israeli keesaa baamnu. Ammo worri Benjamini dubbi worra odula kaasu dide.