Jaallaboota 20:13 - KITAABA WAAQA13 Hurrisa, worra algala hama daba kana hojatte nuti kenna, aka nu worra find'e hameenna kana gosa Israeli keesaa baamnu. Ammo worri Benjamini dubbi worra odula kaasu dide. Gade chapit la |
Ato raagi tae dubbi suni dubbatu, hayyichi waan jed'eeni, Nu nama hayyu mala d'au yoomi si fohanne? Afaani qabad'i, yo duu infeene! Jennaani raagi kaani diqo afaani qabate, ammo duuba eege waan jed'e, Anini imbeekha, aka Waaqi si ijeesu fed'u, waan atini waan kana ch'ufa tate gorsa kiyyale ch'aqasu diddeefi.
worra lachu ha dira keesaa alati baasani, d'akhaani d'aanani ijeesaniti. Wonti intala ijeesaniifi, waan isiini, ato dira keesa jirtu, ka nami d'aatu miju, iyyu diddefi. Ammalle wonti namicha ijeesaniifi, waan inni intala qaraa nami d'ibi fuud'aa kennani buufatefi. Akanaani hameenna akasi duraa baatani.
Ammo raagafi nama waan oobju himu ka akasi suni ijeesa; wonti akanatiifi inni AABBO Waaqa, ka lafa Misiri fulla isani tisse iti taatani keesaa isani baase, iraa gora jed'e isani barsiisa. Nami akasi suni hama, kara AABBO Waaqi keesani keesati bulla isaniini jed'e iraa isani gorsu fed'a. Tanaafi isaa ijeesuu maltani, aka waan hamtu akasi ufi keesaa baaftani.