Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Jaallaboota 2:12 - KITAABA WAAQA

12 Worri AABBO Waaqa ababoota isani ka lafa Misiri keesaa worra baase lakise Waaqa d'ibi ka worra worri woliini qubatu, gula yaani, durati jilbifatani, AABBO Waaqa dallansiisani.

Gade chapit la Kopi




Jaallaboota 2:12
21 Referans Kwoze  

Waan boch'ani mid'aasani kana tokole dura gajette inkad'atiini; wonti akanatiifi anini, AABBO Waaqi kanke, waan d'ibi na biraani kad'atani inoobsu. Anini ammalle nama jibbuufi d'aloota worraa ka sadeesotiifi ka afreesole gaargala itiini d'ufa.


Duuba nami d'ibiini waan jed'u, wonti inni akasi taheefi, gumi AABBO Waaqati wold'aqisa qara Waaqa ababoota worra gaafa inni worra lafa Misiri keesa baase woliini tolfatani ch'abse.


Ammo raagafi nama waan oobju himu ka akasi suni ijeesa; wonti akanatiifi inni AABBO Waaqa, ka lafa Misiri fulla isani tisse iti taatani keesaa isani baase, iraa gora jed'e isani barsiisa. Nami akasi suni hama, kara AABBO Waaqi keesani keesati bulla isaniini jed'e iraa isani gorsu fed'a. Tanaafi isaa ijeesuu maltani, aka waan hamtu akasi ufi keesaa baaftani.


Eegad'a, aka nami arra arma eju tokoleeni uwa taanaani, d'iira taanaani, worra taanaani, gosa taanaani AABBO Waaqa keenna iraa gore, waaqa gosa d'ibii inkad'anne, yo akasi inni mukha olguddate, had'aafi mid'aani had'ao qabu fakaata.


Waan boch'ani mid'aasani kana tokole dura gajette inkad'atiini: wonti akanatiifi Anini, AABBO Waaqi kanke, waan d'ibi na biraani kad'attani inoobsu. Anini ammalle nama na jibbufi d'aloota worra ka sadeesotifi ka afreesole gaargala itiini d'ufa.


Gaafasi Israeliini waaqoota d'ibi gula yaate, had'iisi lafati bue. Askarti Israeli ta kuma afurtama keesa nami woraanafi wonte qabu injira?


Yusufuuni haga korma looni jabaata, gaafa aka gafarsa qaba. Gaafi sunini toko ilmaani kunki heddu ta Manase, kaani ilmaani kunki kud'ani heddu ta Efraimu. Gaafa sunini inni gosa ch'ufa tumate haga muumme lafaa d'iiba.


Gumiini Waaqa horte gabbatte, ammo AABBO Waaqa didde; worri lafa ira dabre ch'ufti gabbate, moora baase. Duuba Waaqa worra uume wollaalani. D'akha worra baase didani.


Eegi Gideonini due, worri Israeli Waaqa wollaale, garagale Baali kad'ate. Ammalle Baal-Berithi Waaqa tolfatani,


AABBO Waaqi waan worraani jed'e worra Misiritiifi ka Amoritifi ka Amonitifi ka Filistitifi.


Worri fulla waaqa d'ara iti kad'atu jaare waaqa d'ara suni harkani boch'ate, akanaani isa dallansiise.


Gumiini Waaqaa waaqoota d'ara kad'ate, akanaani badii ufiitini d'ufte.


Musani waan gumiini Israelitini jed'e, Guyya kana ka isani lafa Misiri boola tissooma keesaa baatani, ka AABBO Waaqi harka ufitiini lafa suni keesaa isani baase qaabad'a; qit'a bukho qabu inyaatina.


Amma wonti kunini ha akheekha isanii taate, aka harkaafi adda teesani iraa mullatu, ammalle ha qaabacha jiddu teesani jirtu taatu, aka dubbini AABBO Waaqa garaa keesani keesaa imbaane; wonti akanatiifi AABBO Waaqi harka isaa jabaani lafa Misiri keesaa isani baase.


Eegi tana, yo ilmaani teesani, Wonti kunini maani? jette isani gaafate, waan jettaniini, AABBO Waaqi irre isaa guddooni lafa Misiri ta nu tisse keesati taane harka ufitiini keesaa nu baase jed'aani.


Wonti kunini ha akheekha isanii taate, aka beesisa harkaafi adda teesani iraa mullatu; wonti akanatiifi AABBO Waaqi lafa Misiri keesaa harka isaa jabaani nu baase.


Ato lafa suni keesati turtani ilmaanifi akhakhotale d'altani waan boch'ani kad'atani mid'aafattani inch'ubbamiina. wonti akanatiifi fuula AABBO Waaqa durati wonti kunini waan hamtu, ammalle isa dallansiifti.


eegad'a aka AABBO Waaqa, ka lafa Misiri fulla isani tisse iti tatani, keesa isaani baase, indeene.


atini waan jettuuni, AABBO Waaqi waan jed'u, waan abbootini teesani na lakifte waaqa d'ibi gula yaate hojateefi, ammalle na lakifte seera kiyya ch'absitefi. Isani akasi taatani.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite